Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti filattoonni kaardii filannoo fudhachuu eegalaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti filattoonni kaardii filannoo fudhachuu eegalaniiru
Guraandhala 28/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraatti buufataalee filannootti argamuun kaardii filannoo fudhachuu eegalaniiru
Akkaataa sagantaa filannoo walii galaa toorbaffaa boordii filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin galmeen filattootaa har’a Guraandhala 28 bara 2018 eegaleera.
Akkaataa Kanaan naannoo Oromiyaa bakkeewwan garagaraa galmeen filattootaa itti eegalame keessaa godinni Harargee Lixaa Ciroo, Boorana Bahaa magaalaan Nagallee, Wallaggi bahaa magaalaan Naqamtee ni eeramu.
Magaalaa Cirootti jiraataan ganda Burqaa Ciroo Kadir Sayid ENAtti akka himanitti, filannoo kanaan nama guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaan eegalte galmaan gahu filachuuf qophaa’aniiru.
Mirga demokiraasii fayyadamuun dorgomaa bakka na bu’a jedhan filachuuf galmaa’uusaanii kan dubbatan ammoo magaalichatti jiraataa ganda Caffee Araaraa Mahaammad Hasani.
''Filannoowwan darban keessaa 4 irratti hirmaadheera” jedhanii filannoon baranaa imala guddina biyyaa si’achiisuuf murteessaa wan ta’eef xiyyeeffannoon hirmaachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.
Godina Boorana Bahaatti jiraattuun magaalaa Nagallee Booranaa adde Galiilaa Fiqaaduu, buufata filannoo Kahaloo Gaaftirootti argamuun kaardii filannoo fudhataniiru.
Filannoo biyyaalessaa Caamsaa dhufu gaggeeffamurratti dorgomaa Paartii walooma, nagaa, misoomaa fi guddina biyyaaf hojjeta jettu filachuuf kaardii fudhachuu dubbatteetti.
Hundi kaardii filannoo fudhachuun filannoo biyyaalessaarratti hirmaachuun paartii barbaadu akka filatu gorsiteetti.
Godina Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee jiraataan ganda Burqaa Jaatoo obbo Fayyisaa Cimdeessaa, filannoo walii galaa Kanaan mirga demokiraasiitti fayyadamuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii dubbataniiru.
Kanneen biroos paartii siyaasaa biyyaa fi ummata caalaatti fayyadu filachuu akka danda’an sagantaa bahetti fayyadamuun kaardii akka fudhatan gorsaniiru.