Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira

Guraandhala 28/2018(TOI) – Naannoo Oromiyaatti waliin gahinsa daandii dabaluun guddina dinagdee fi hawaasummaa jalqabame saffisiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daandiiwwanii fi Lojistikii Oromiyaa beeksise.

Itti aanaan hogganaa Biirichaa Injinar Mahaammad Nuuraa ENA’tti akka himanitti mootummaan naannichaa fayidaan bu’uuraleen misoomaa guddina dinagdee fi hawaasummaa keessatti qabu hubachuun pirojeektoota daandii buleeyyii xumuruu fi qorannoo irratti hundaa’uun daandiiwwaan haaraa ijaaraa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan naannichatti bara kana daandiiwwaan gurguddoo sadarkaa naannootti hojjetaman 25 kan kilomeetiraa 117 ta’u ijaaruuf karoorfamee hojjetama jirachuu himaniiru.

Daandiiwwaan kana keessaas 21 buleeyyii yoo ta’u 4 immoo haaraa ta’uu himaniiru.

Kana keessaas hanga ammaatti daadiin kiiloo meetirrii 32 tuqaa 1 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru.

Dabalataan naannichatti sagantaa misooma daandii baadiyyaa kan sadarkaa godinaa fi aanaatti hojjetamuun bara kana daandii kiiloo meetira 503 ijaaruuf karoorfamee haga ammaatti kiiloo meetirri 70 ijaarsi isaa xumuramuu ibsaniiru.

Kana malees sadarkaa naannootti bara kana riqaalee gurguddaa hojjetaman 21 ijaaruuf karoorfamuu eeranii ijaarsi isaanii dhibbantaan 56 xumuramuu himaniiru.

Riqaaleen baajata mootummaan alaa sagantaawwaan adda addaan hojjetamuuf karoorfaman 19 keessaas 2 guutummaatti xumuramamniiru jedhan.

Naannichatti hojii ijaarsa daandii cinaatti hojiin bulchiinsa daandiis xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu himaniiru.

Hojii kanaanis bara kana bajata fandii federalaa fi naannoon daandii kiiloo meetirri kuma 14 fi 442 suphuuf karoorfamee hanga ammaatti daandii kiiloo meetirrri kuma 11 fi 83 suphuun akka danda'ame ibsaniiru. 

 Daandiiwwaanii fi riqaaleen hojiin isaanii xumurame akkasuma suphaan gahaan taasifameef guddina dinagdee fi hawaasaa naannichaa safisiisuu keessaatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru.

Ijaarsa daandiin cinatti magaalota kanneen akka Fiichee, Asallaa, Naqamtee, Gmibii fi Bulee Horaatti daandiiwwan konkolaataa ijaarsa irraa jiraachu himaniru.

Naannichatti Projektonni buleeyyii baay’een gara lixa Oromiyaatti yoo ta’uu, sababa haala nageenyaa harkifachuu isaa ibsanii yeroo ammaa nageenyaa waaraa argametti fayyadamuun qaamolee ilaallatan waliin ijaarsi projektewwanii ariitiin xumuruuf tattaaffi guddaan taasifamaa jira jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015