Tamsaasa Kallatti:

Godina wallagaa Lixaatti jiraattonni Sagantaa maaddii guutuurratti hirmaachaa jiran fayyadamummaasaanii guddifachaa jiru

Guraandhala 28/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Wallagaa Lixaa dargaggoonnii fi dubartoonni sagantaa Maaddii guutuurratti hirmaachuun omishasaanii gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddifachaa jiraachuu ibsan.

Waajjirri Qonnaa Godinichaa gamasaan, sagantaa kana bal’isuuf bara baajataa kana Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu goromtii Miiliyoona 3 ol akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kuma 100 ol raabsuu isaa beeksiseera.

Godinichatti Aanaa Beegiitti hirmaattonni sagantichaa Israa’el Burruusee fi Yohaannis Zarihuun Yaada ENA’f kennaniin waldaan gurmaa’uun sagantaa maaddii guutuun Sa’a Annanii Sanyii fooya’oo horsiisuun fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Sagantaa maaddii guutuun misooma Aannaniirraa sadarkaa maattiitti fayyadamuurra darbee gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuun galii fooya’aa argachaa jirachuu ibsaniiru.

Misooma Aannanii Hoteelotaa fi Kaaffeewwan Aanicha keessatti argamaniif dhiheessaa jiraachuu eeruun gurgurtaasaarraa galii ji’aan giddugaleessaan birria kuma 25 hanga 30 argachuun bu’aa qabeessa ta’uusaanii himaniiru.

Galiisaanii qusachuu fi hojii isaanii babal’isuun, jiraattota Naannichaa biroof carraa hojii uumuuf karoorfachuusaanii dabalataan beeksisaniiru.

Jiraattuun Aanichaa biroon Aadde Zannabach Dhibbisaa, sagantaa maaddii guutuun Cuuciiwwan lukkuu guddisuu fi raabsuurratti waldaan gurmaa’anii hojiitti galuu isaanii dubbataniiru.

Deeggarsa bakka hojii Bulchiinsa Magaalatiin taasifameefitti fayyadamuun, Cuuciiwwan guyyaa tokkoo kuma tokko fudhatanii guddisaa akka jiran eeranii gara fuulduraatti lukkuuwwan hanqaaquu buusan horsiisuun fayyadamummaa isaanii bal’isuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa Godinichatti sagantaan maaddii guutuu hojiirra ooluun wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee, namoota hedduuf madda galii dinagdee ta'uu danda'eera jedhaniiru.

Misoomicha bal’isuuf baara bajataa qabame kana keessatti, jiraattota horsiisa lukkuu irratti bobba’aniif Cuuciiwwan guyyaa tokkoo fi lukkuu Goromtii miiliyoona 3 fi kuma 250 ol, akkasumas Gaagura dammaa ammayyaa kumni 100 gahu raabsamuu ibsaniiru.

Ammaan dura Gorommiiwwan (Jabbilee) Sanyii fooyya’oo raabsaman mala namaan diqaalomsuun (artificial insemination) wal-hormaata taasifameen, jabbiileen kumni 24 dhalatanii kunuunsi taasifamaafii akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015