Hojiiwwan naamusa dargaggootaa qajeelchanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan naamusa dargaggootaa qajeelchanirratti Invasti gochuu qabna – Doktara Ergoogee Tasfaayee
Guraandhala 28/2018(ENA):- Naamusa dargaggoota boru biyyattii gaggeessani hojiiwwan Amalasaanii qajeelchuu danda’anirratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu Ministirri dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayyee ibsan.
Dirreewwan Ispoortii mala Ammayyaan haaromsi taasifamee fi meeshaaleen adda addaa guutameefii tajaajilli giduugala naamusaa fi haaraan magaalaa Aggaarootti hojjetame hojii eegalee jira.
Ministirittiin sagantaa jalqabsiisa tajaajilichaa irratti ergaa dabarsaniin, nagaa waaraa fi badhaadhina biyya keenyaatiif, dargaggoota har’as ta’ee boruu biyya geggeessanirratti hojiiwwan amalasaanii ijaaruu danda’an irratti invast gochuun dhimma filannoo hin qabne ta’uu dubbataniiru.
Gidduugalichi bu’aa hirmaannaa Mootummaa, Hawaasaa fi qaamolee deeggartootaa ta’uu Odeeffannoo Ministeerichi ENA’f ergeen ibseera. Dargaggoonni magaalattii fi naannoo ishee jiran giddugalichatti sirnaan akka tajaajilaman fi kunuunsa barbaachisaa akka taasisaniif dhaamaniiru.
Dargaggoonni amala gaariin ijaaramaanii, beekumsi isaanii gabbatee, harkisaanii dandeettii fi ogummaaa shaakalanii naannoosaanii bira darbanii badhaadhina biyyaatiif gumaacha guddaa akka taasisan ergaa isaanii dabarsaniiru.
Gidduugalichi Mana kitaaba Dijiitaalaa, Infoormeeshin teekinooloji(ICT) galma leenjii, bakka Ispoortii itti hojjetanii fi kaaffee fi tajaajila gorsaa kennuu haala danda’uun haaromsa amaayyaa’e dabalatee, meeshaaleen adda adda akka guutamu ta’uu mirkaneessaniiru.
Ministeerichi giddugalawwan naannoo birootti argaman bakka ispoortii qofa osoo hin taane, gara giddugala ijaarsa amalaatti akka jijjiiramaniif, akkasumas tajaajila guutuu, ammayyaa fi tajaajila hunda galeessa hedduu of keessatti qabatu akka kennan gochuuf qindoominaan akka hojjetamu dubbataniiru.
Daayirektarri Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNFPA) Itiyoophiyaa Koofii Kuwaamee gamasaaniin, tokkoon tokkoo dargaggeessaa dandeettii dhalootaan qabu akka itti fayyadamuu danda’uuf, deeggarsa teeknikaa, meeshaalee fi ijaarsa dandeettii barbaachisaa ta’e akka taasisan ibsaniiru.