Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa tasgabbii biyyaa fi kabajamuu nageenya riijiniif murteessaadha

Guraandhala 28/2018(ENA)- Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu deebii argachuunsaa nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf murteessaa ta’uusaa miseesi humna galaanaa duraanii fi hayyoonni seenaa ibsan.

 Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo darbe mana maree bakka bu’ootaarratti argamuun ibsa kennaniin, rakkoon riijinicha keessatti mul’atu fulla’insaan akka furamu Itiyoophiyaan tattaaffii gochaa akka jirtu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa amma dhumaatti adda bahanii akka hin jiraanne kaasanii, gaaffiin keenya haqa qabeessi karaa nagaa, kennanii fudhachuu fi mariidhaan deebii akka argatu tattaaffiin keenya itti fufa jedhaniiru.

Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan gaafatte haqa qabeessa yoo hin taane haqni addunyaarra hin jiru kan jedhan ministirri muummee, yeroo fudhatuyyuu deebii argachuunsaa akka hin oolle ibsaniiru.

Miseensi humna galaanaa duraanii Juuniyeer Letenaanti Hallafoom Massalaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan shira irratti raawwatameen ulaa galaanaa osoo hin dhabiin dura naannawichatti humna galaanaa cimaa dhiibbaa uumu qabdi ture.

Haala kanaan dooniiwwan daldalaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane kan biyyoota biroos nageenyisaanii eegamee karaa nagaa akka deeman Itiyoophiyaan ga’ee murteessaa bahachaa turuushee yaadachiisaniiru.

Humni galaanichaa keessumaa sochiiwwan daldala seeraan alaa, Kontirobaandii shiftoota galaanarraa ittisuun nagaa fi tasgabbii riijinichaaf wabii ta’ee turuusaa ibsaniiru.

Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuusheetin aarsaa guddaa kaffaluushee eeranii, gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa kun dursee kasfamuu akka qabu kaasaniiru.

Hayyuun seenaa fi qorataan gargaaraa piroofeesaraa Ahimad Zakariyaa gamasaaniin, qaroominni Daamaat fi Aksuma durii walitti hidhiinsa ulaa galaanaa waliin qabaniin beekamoo akka turan seenaa wabeeffachuun eeraniiru.

Itiyoophiyaan gara ulaa galaanaatti deebi’uunshee dhiibbaa akka biyyaatti geessiftu dabaluun alatti  waltajjii addunyaarratti faayidaa biyyaalessaashee kabachiisuuf tattaaffii taasifamuuf ashaaraa akka kaa’u dabalanii eeraniiru.

Qorataan seenaa piroofeesar Adam Kaamil gamasaaniin, Itiyoophiyaanonni injifannoo Adwaa fi ijaarsa hidha haaromsaarratti tokkummaa cimaa agarsiisan gaaffiin ulaa galaanaa galmasaa akka gahuu fi faayidaan biyyaalessaashee akka kabajamu tokkummaan dhaabachuun dabaluu akka qaban hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015