Sagantaa Ifxaar Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiin cifaman ifooman - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Ifxaar Finfinneetti gaggeeffamuuf daandiin cifaman ifooman
Guraandhala 27 /2018(ENA)- Sagantaa Ifxaar boru addababayii Masqalaatti gaggeeffamuuf daandiin cufaman poolisiin Finfinnee ifoomseera.
Haala Kanaan guyyaa sa’aatii 5 irraa eegalee-
- Daandiin Maganaanyaarraa gara addababayii Masqalaa geessu -bataskaana quddus Uraa’eelirratti
- Walloo safar irraa gara addababayii Masqalaa- Olompiyaarratti
- Konkolaattota Gootaraarraa gara Addababayii Masqalaa dhufaniif konkolaattota gurguddaaf Agoonaa Sinimaa, konkolaattota biroof Addababayii Xilahuunirratti cufama
- Konkolaattota Xoor Hayiloochirraa karaa Meeksikoo gara Addababayii Masqalaa dhufaniif Kibbuu Baank jedhamee bakka beekamutti
- Piyaassaarraa karaa Charchil godaanaa gara addababayii Masqalaa kan dhufaniif ibsaa Harraambeerratti
- Araat Kiiloorraa karaa ministeera dhimma alaa gara Addababayii Masqalaa dhufaniif qaxxaamura Masaraa Biyyaalessaarratti
- Konkolaattota naannawa Awwaareerraa karaa Kaazaanchiis gara Addababayii Masqalaa dhufaniif naannawa Intarkontineentaaliitti sagantaan Ifxaar amma raawwatutti akka cufaman poolisiin Finfinnee ibseera.
Daandiiwwan Kanaan olitti ibsamanirra yeroo dheeraafis ta’e yeroo gabaabaaf konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu kan ibse poolisiin, konkolaachiftoonni karaa biraa akka fayyadaman hubachiiseera.