Baangilaadish tumsa Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni barbaaddi- Ambaasaaddar Siitwaat Naayam - ENA Afaan Oromoo
Baangilaadish tumsa Daldalaa fi Invastimantii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf ni barbaaddi- Ambaasaaddar Siitwaat Naayam
Guraandhala 27/2018(ENA): Baangilaadish walta'insa daldalaa fi Invastimantii Itioophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu ishee Itioophiyaatti Ambaasaaddarri Baangilaadish Siitwaat Naayam ibsan.
Ambaasaaddar Siitwaat Naayam turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti , hariiroon biyyoota lameenii sadarkaa baay’ee gaariirra akka jiru ibsaniiru.
Ambaasaaddar Siitwaat Naayam hariiroon biyyoota lamaanii A.L.A bara 2016 Imbaasii erga banattee eegalee hariiroonsaanii jabaachaa dhufuusaa hubachiisaniiru.
Biyyoonni lamaan tumsa Diinagdeesaanii guddifachuuf kutannoo Siyaasaa waloo qabaachuusanii kaasaniiru.
Agarsiisni Daldalaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadish yeroo dhihoo gaggeeffame biyyoonni lameen tumsa daldalaa qaban dagaagsuun akka danda’amu kan itti mul’ate akka ture ibsaniiru.
Agarsiisa sanaratti Dureeyyiin Baangilaadish, Itiyoophiyaan guddina Dinagdee ariifataarra akka jirtuu fi Itiyoophiyaan fedhii Industirii fi meeshaalee itti fayyadamaarratti qabdu dabalaa dhufuusaa hubachuusaanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaan saffisaan guddachaa jiraachuushee fi hojiin misoomaashee kan dinqisiifatamu ta’uu kan ibsan. Ambaasaaddarrichi, kunis Hawaasa daldalaa Baangilaadishiif haala mijataa gaarii akka uumuu hubachiisaniiru.
Biyyoonni lamaan dameelee tumsa daldalasaanii cimsuu danda’an keessaa tokko buna ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan daldala al-ergii bunaan biyya beekamtu ta’uushee eeruun, Baangilaadish immoo meeshaa buna osoo qulqullinasaa hin lakkisiin eeguun tursiisuu danda’u borsaa akka omishtu ibsaniiru.
Kunis Hawaasni Daldalaa biyyoota lamaan jiran walitti dhihaatanii akka hojjetanii fi tumsa damichaa akka dagaagsan akka isaan kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Damee omisha qorichaa (faarmaatikaalii) dabalatee, dameeleen Manufaakcheringiin dandeettii tumsaa kan biraa ta'uusaa itti dabalanii dubbataniiru.
Dureeyyiin Baangilaadish Itiyoophiyaan seensa balbala gara biyyoota Afrikaa hedduu ta’uushee hubachuun qabeenyasaanii fidanii Invasti akka godhaniif waamicha taasisaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii Itiyoophiyaa fi Baangilaadish kan eegale A.L.A bara 1976 ta’uu odeeffannoon ni mul’isa.