Tamsaasa Kallatti:

Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophiidha - Jiraattota Godina Iluu Abbaa Booraa

Guraandhala 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti dammaqinaan hirmaachuuf kan nu dandeessisu kaardii galmee filattootaa fudhachuuf qophoofneerra jedhani jiraattonni Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaa Booraa.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoon Caamsaa 24, 2018 dhufu dimokiraatawaa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf sagantaalee adda addaa irratti hojjechaa jira.

Qophii taasifamaa jiru keessaa galmeen filattootaa Boru, Guraandhala 28/2018 eegalama.


 

Boordichi dhiheenya kana galmee filannoo dijitaalaa buufataalee filannoo gara kuma 17tti akka dhaqqabamu gochuuf hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Jiraattonni Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurrumuu ENA'tti akka himanitti, filannoo waliigalaa dhufu irratti mirga dimokiraasii keenyatti fayyadamuuf kaardii filannoo argachuuf eeggachaa akka jiran dubbatani


 

Jiraattonni aanaa Mattuu Zimaarguu Jamaal fi Naahawwii Daffaar gama isaaniitiin akka filattotaatti galmaa'uun mirga isaaniitti fayyadamuuf qophii taasisaa jirra jedhani.

Filannoon kun ijaarsa naannichaa keessatti sadarkaa murteessaa waan ta’eef dirqama lammummaa itti gaafatamummaan bahachuuf qophii ta’uu kan hime dargaggeessi jiraataa magaalaa Mattuu Fiqaaduu Indaalaa dha.


 

Dargaggoo Fedhasaa Taarraqanyii fi Girmaa Firrisaa gama isaaniitiin akka ibsanitti, Filannoon waliigalaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf akka dargaggootaatti gahee keenya ba’uuf qophiidha jedhani.


 

Ijaarsa naannichaa keessatti gaheen dubartootaa fi dargaggoonni qaban hiika guddaa akka qabu hubachuun kaardii filannoo argachuu fi eenyu akka isaan bakka bu’u filachuuf qophii ta’uu himaniiru.


 

Dhaaba damee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti nu fayyada jennee yaadnu filachuuf qophoofneerra jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015