Tamsaasa Kallatti:

Garee badinsaa balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana- Dhalattoota Tigraay

Guraandhala 27/2018(ENA): Dhalattoonni Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan garee diigumsaaf kan dhaabbate ABUT balaaleffachuun nageenyaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tibbana ENA Afaan Tigreetiin haasaa taasisaniin, ummanni Tigraay nagaa fi misoomaaf qabsaa'ee nagaa fi misoomaaf fedhii guddaa akka qabu ibsaniiru.

Misoomni fi nageenyi naannolee hunda keessatti dhufaa jirus ummata Tigraayiif kan malu dha kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, yaada dulloomaa kan qabu gareen kuni ammas waraanaa fi dhumaatii biroof dhalattoota Tigraay affeeraa jira waan ta’eef dhiisi jedhamuu qaba jechuun isaanii ni yaadatama.

Dhimma kana irratti ENA’n dhalattoota Tigraay magaalota Hararii fi Asoosaa keessa jiraatan dubbiseen, gareen ABUT garee diigumsaa fi karoora waraanaa malee nagaa fi misooma ummataaf hojjechuu hin barbaanne ta’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akeeka badii garee kanaa fi fedhii ummanni nagaa fi misoomaaf qabu ilaalchisee ibsi kennan sirrii fi waqtaawaa ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf yaada Ministira Muummee deeggaruun garee diigumsaaf dhaabbate falmuun nagaa fi misooma Tigraayiif gahee keenya ni baana jedhan.


 

Aadde Giyoorgis Haagos jiraattuu magaalaa Hararii kan ta’an akka himanitti, gareen diigumsaa kun ummata Tigraayiif nagaa fi misoomaaf hojjetee hin beeku jedhani.

Mootummaa Shaabiyaa waliin nagaa fi misooma Itiyoophiyaa hin barbaanne waliin ijaaramuun naannicha gara naannoo waraanaatti jijjiiruuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, akeeka badii kana cimsinee ni falmina jedhan.


 

Ilaalchi garee ABUT kan kan yeroon irra darbee fi eenyu iyyuu kan hin fayyadne ta’uu ibsuun, ummanni Tigraay akkuma naannolee biroo amma ilaalcha haaraa fi dhaloota haaraatiin hoogganamuu cimsee hawwa jedhan obbo Goytom Bayyanaa jiraataa magaalaa Asoosaa kan ta’an.

Kanaaf, ilaalcha garee ABUT yeroon isaa irra darbe ofirraa qolachuun nagaa, misoomaa fi fayyadamummaa naannichaaf ni hojjenna jedhaniiru.


 

Magaalaa Harar kan jiraatan Sheenook Leelaay gama isaaniin,ergaan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabarsan nagaa fi misooma biyyaatiif bu'aa qaba waan ta’eef hundi keenya ni deeggarra jedhan.


 

Dargaggeessi biraa Kibroom Gabramadin magaalaa Asoosaa jiraatu akka himetti, ummanni Tigraay jijjiiramaa fi karoora misoomaa hunda galeessa Itiyoophiyaatti dhufe irraa fayyadamoo ta’uuf fedhii cimaa qaba jedhe.

Kana galmaan ga’uuf garee diigumsaa ABUT kan walitti bu’iinsaa fi waraanaaf hojjatu waliin ta’uun qolachuun kan danda’amu ta’uu ibsuun, kanaafis keessumaa dargaggoonni keenya gufuulee isaan mudatan akka mo’atan gargaaruuf ni hojjenna jedhaniiru.


 

Dargaggoo Saamu’eel Mallasaa fi shamarree Fireehiwoot Biraanee jiraattota magaalaa Harar akka jedhanitti, yeroo ammaa dargaggoonni Tigraay waraana gareen ABUT labsaa jiru jalaa godaansaa jiru, garuu godaanuun furmaata waan hin fidneef waliin taanee ummata Tigraayiif nagaa, misoomaa fi badhaadhina fiduuf ni hojjenna.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015