Tamsaasa Kallatti:

Filannoo walii galaa 7ffaan paartii yaada fooyya’aa qabu filachuuf qophoofneerra-jiraattota

Guraandhala 27/2018(ENA)- Filannoo walii galaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaachuun paartii guddina biyyaa fi ummattootaaf hojjeta jedhan filachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jijgjigaa ibsan.

Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa baranaaf boru Guraandhala 28 bara 2018 irraa kaasee filattoota galmeessuu akka eegalu beeksisuunsaa ni yaadadama.

Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2028 gaggeeffamuuf sagalee kennuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii jiraattonni magaalaa Jigjigaa yaadasaanii ENA’f kennan ibsaniiru.

Paartii siyaasaa  biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Kanneen yaada kennan keessaa obbo Jamaal Ibraahiim, filannoon wagga shanitti si’a tokko gaggeeffamu lammiileen paartii biyyaa fi ummataaf ni hojjeta jedhan filachuuf carraa kan mijeessu ta’uu dubbataniiru.

Jiraataan biraan Mahaammad Umar gamasaaniin, filannoon walii galaa kun ijaarsa sirna demokiraasii si’oomsuu fi sirna murteessaa guddina biyyaaf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Paartii siyaasaa biyyaaf ni fayyada jedhan filachuuf qophii ta’uusaaniis dubbataniiru.

Lammiileen filannoof qaqqaban filannoo kanarratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru.

Filannoon agarsiiftuu ijaarsa sirna demokiraasii biyya tokkooti kan jedhan ammo obbo Farihaan Muhaammad kan jedhamanidha.

Kaardii fudhachuudhaan paartii siyaasaa guddina biyyaaf ni hojjeta jedhan filachuun mirga demokiraasiisaaniitti akka fayyadaman dubbataniiru.

Filannoo kanarratti hirmaachuuf kaardii fudhachuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015