Gamtaan Hospitaalotaa Qulqullina Tajaajilaa fi Walitti Hidhamiinsa Cimsuun, Itti quufinsa Maamiltootaa Guddisuu danda’eera - ENA Afaan Oromoo
Gamtaan Hospitaalotaa Qulqullina Tajaajilaa fi Walitti Hidhamiinsa Cimsuun, Itti quufinsa Maamiltootaa Guddisuu danda’eera
Guraandhala 27/2018 (ENA): Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf walitti hidhamiinsa hospitaalotaa cimsuunii fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa.
Sirni Badhaasa Gamtaa Qulqullina Hospitaala Itiyoophiyaa marsaa 4ffaa, Sagantaan walitti hidhaminsa fi jalqabsiisaa kallattii Gamtaa Hospitaalaa marsaa 5ffaa gaggeeffamaa jira.
Wayita sanatti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa akka himanitti mootummaan damee fayyaa qulqullina, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojjechaa tureera jedhani.
Keessumaa weerara Covid-19 booda, wal’aansa idileefi cimaa irratti fooyya’iinsi mul’ateera jedhan. Akkasumas lakkoofsi dhaabbilee fayyaa dhuunfaa dachaa sadii dabaleera jedhani.
Waggoota 70f dhaabbata tokko qofaan kan oomishamu ture oksijiniin, yeroo weerara COVID-19 3 qofa akka ture eeruun, amma warshaaleen oksijiinii 64 ta’uu ibsaniiru.
Lakkoofsi dhiyeessitoota qoricha biyya keessaa dabaluu fi raabsiin meeshaalee yaalaa fi qoricha fooyya’aa akka jiru ibsaniiru.
Dhaabbileen fayyaa kuma 5 ol sirna dhiyeessii qorichaa akka seenan eeruun, duuti haadholii fi daa’immanis hir’achaa akka jiru beeksiseera.
Sagantaan Gamtaa Hospitaalota Itiyoophiyaa Qulqullinaaf tumsa dhaabbilee fayyaa cimsaa jiraachuu himuun, itti quufinsi maamiltootaa amma dhibbeentaa 85 gaheera jedhan.
Sagantaan kun marsaa 4ffaan tajaajila yaalaa ragaa irratti hundaa’e irratti kan xiyyeeffate ta’uu yaadachiisuun, marsaaleen afran kanaan dura hojiirra oolan hundi qaawwa guutuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uu hubachiisaniiru.
Marsaa 5ffaa tajaajila yaalaa hunda galeessa irratti xiyyeeffachuun, riifoormii jalqabame cimsuu fi misooma humna namaa irratti xiyyeeffachuun hojiirra akka oolus akeekaniiru.
Deetaan Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa gamasaaniitiin ergama damee fayyaaf kenname keessaa tokko tajaajila qulqullina qabu bifa haqa qabeessa ta’een kennuu akka ta’ee fi kanaafis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gamtaan Hospitaalota Itiyoophiyaa sagantaa qulqullina qabuuf hospitaalota gidduutti dorgommii fayya qabeessa ta’e mijeessaa jira, kanaanis tajaajila fooyyessaa jira jedhan.