Tamsaasa Kallatti:

Ummanni Tigiraay Fayyadamummaa misoomaa fi nageenyaa mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa’uu qaba    


Guraandhala 27/2018(ENA) -Ummani Naannoo Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi misoomasaanii  mirkaneeffachuuf, garee badii ABUT irratti ejjennoon qabsaa'uu qaba jechuun Hayyoonni Yunivarsitii  ENA’f  yaada kennan ibsan. 
 
Ministirri Muummee  doktar Abiyyi Ahimad turtii guyyoota muraaasaan dura ENA Afaan Tigiriffaa  waliin taasisaniin  ummanni Tigraay Nagaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu kaasuun, fedhii nageenyaa fi misoomaasaa guddaa ta’uu  ibsaniiru. 

Lolli Kaabaa  kan Mudateef  ABUT jijjiiramicha fudhachuu diduusaanii fi  sababa  ilaalcha moofaa  itti fufsiisuu  barbaadeef ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad  dubbataniiru. 

Misoomaa fi nageenya naannolee hundatti dhufaa jiru  ummata Tigraayiifis ni mala kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi, ilaalcha dulloomaan  Lola lammataa fi badiif kan tattaafatu  gareen ABUT, dhaabaa jedhamuu qabu. 

Mootummaan fedhii ummataa bu’uura godhatee deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
 
Dhimma kanarratti Hayyoonni Yunvarsiitii  Asoosaa, Arsii fi Walaayittaa  Sooddoo  ENA’f yaada kennan dheebuu Nageenyaa Ummata naannichaa fi garee ABUT badiif socho’u  ilaalchisuun  ibsi Ministirri Muummee Kennan ergaa murteessaan kan itti darbe  ta’uu  ibsaniiru.

Ummanni Tigraay fayyadamummaa nageenyaa fi Misoomaasaa mirkaneeffachuuf  garee badii ABUT irratti  ejjennoon  qabsaa’uu qabu jechuun dubbataniiru. 

Yunvarsiitii Asoosaatti Barsiisaan Federaalizimii gargaaraan piroofeesaraa Addaamuu Jibaat, ibsa Ministirri Muummee kennan  Ummanni Tigraay  nageenyaa fi misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu  kaasuun, gareen ABUT faallaa  Kanaan walitti bu’insaa fi waraanaaf  qophii qabu kan gidduu galeeffate ta’uu  ibsaniiru. 
Mootummaan Federaalaa garaa bal’ina agarsiise fedhii nageenyaa barbaadhuu ummata Tigraay hubachuun akkasumas, hammeenya waraanaa beekuun ta’uusaa ibsaniiru. 

Qorataa Seenaa fi Aadaa akkasumas Barsiisaa Yunivarsitii Arsii kan ta'an Doktar Muhammad Namoo, ummanni Tigraay balballi nagaa baname akka hin cufamneef, garee badii waraanaaf kakaasu cimsee mormuu fi qabsaa'uu qaba jedhaniiru. 

Ibsi Ministira Muummee doktar  Abiyyi  Ahimad kaayyoo hammeenyaa garee ABUT kan saaxilee fi  mirga nagaa, misoomaa akkasumas fayyadamummaa ummataa bu'uura kan godhate ta'uusaa kaasaniiru.
 
Yuniversitii Walaayittaa Soddotti Barsiisaa fi qorataa seenaa kutaa Barnoota Seenaa kan ta'an Phawuloos Baalchaa; ibsi Ministira Muummee ejjennoo cimaa mootummaan nagaa fi misoomaaf qabu kan agarsiisedha jedhaniiru.

Ergaan isaan dhiheenya kana ummata Tigraayiif dabarsan, tattaaffii qabatamaa mootummaan fayyadamummaa nagaa fi misoomaa ummata naannichaaf taasisaa jiru kan agarsiisudha jedhaniiru.

Kanaaf, ummanni Tigraay keessattuu dargaggoonni waraana mormuudhaan, nagaa fi misoomaaf carraaquun tattaaffii mootummaa deeggaruu fi gargaaruu akka qaban hubachiisaniiru.

Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin  dargaggoonni Tigraay  abbaa aangoo akka ta'anii fi qaamolee ilaalcha moofaan  gara waraanaatti isaan dhiibanirraa of eeggachuu akka qaban gorsuun isaanii ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015