Gabaan sanada Invastimantii Itiyoophiyaa appilikeeshinii moobaayilaa ‘Nuwaay’ jedhamu ifoomse - ENA Afaan Oromoo
Gabaan sanada Invastimantii Itiyoophiyaa appilikeeshinii moobaayilaa ‘Nuwaay’ jedhamu ifoomse
Guraandhala 26/2018 (ENA)- Gabaan sanadaa Invastimantii Itiyoophiyaa (ESX) appilikeeshinii moobaayilaa ‘Nuwaay’ jedhamu kan gabaa kaappitaalaa lammiilee hundaan gahuuf gargaaru har’a ifoomseera.
Appilikeshiniin kun seena biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaaf namni kamiyyuu bilbila moobaayilaa fayyadamee bittaa aksiyoonii fi sanadoota idaa irratti kallattiin akka hirmaatu carraa kan kennudha.
Hojii raawwachiisaan olaanaa gabaa sanada invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Xilahuun Ismaa’el sirna eebbaa appilikeeshinichaa irratti akka dubbatanitti, “Nuwaayi” gabaan Itiyoophiyaanota hunda harkatti akka argamu taasisa.
Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Haannaa Tahilquu gamasaanin, biyyoonni hedduun sirna teeknooloojii akkasii bira gahuuf yeroo dheeraa akka itti fixe yaadachiisaniiru.
Itiyoophiyan muuxannoo byyoota biroorraa fudhachuudhaan sirna gabaa ammayyaa ijaaruushee ibsaniiru.
Hammataa ta’uunsaa sirna kana adda godha kan jedhan daarektarri kun lammiileen biyyattii keessa fageenyarratti argaman akkaawuntii invastimantii banuudhaan fayyadamoo akka ta’an hubannoo uumuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Deeggarsa mootummaan taasiseef galateeffatanii seerri ifaa fi tilmaamamuu danda’an bahuunsaanii milkaa’ina kanaaf gumaacha olaanaa taasisuusaa eeraniiru.
Hojii raawwachiisaan Invastimanti hooldiingi Itiyoophiyaa Dr Buruuk Taayyee, gabaan kun lammiin hundi amma humnasaatiin kan irratti hirmaatu ta’uu cimsanii kaasaniiru.
Milkaa’ina appilikeeshiniin kanneen akka teelee birria fi baankii daldalaa Itiyoophiyaa (CBE) galmeessisan bu’a qabeessummaa “Nuwaayii”f akka agarsiftuutti akka eeramu ibsaniiru.
Yeroo ammaa appilikeeshiniin kun bilbiloota andirooyidii (Android) fi ayi’ooessii (iOS) irratti buufachuuf qophii ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan sadarkaa idil addunyaatti abbaa gabaa kaappitaalaa dorgomaa ta’ee gochuuf galma kaa’ame milkeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.