Tamsaasa Kallatti:

Walii galteen bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisu mallatteeffame


Guraandhala 26/2018 (ENA) -Itiyoo telekoom neetwoorkii babal’isuunii fi ammayyeessuudhaan bu’ura misooma dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kaampaanii Eriksan waliin walii galtee seena qabeessa mallatteesse.

Walii galteen kun buufataalee Moobaayilii kuma 1 fi 500 riijinii bulchiinsa neetwoorkii Eriksan keessa jiranirratti hojiilee babal’isuu, fooyyessuu, 4G diriirsuu fi teeknooloojiiwwan haaraa ijaaruu of keessaa qaba jedhameera.

Inisheetiiviin ammayyeessuu walii galaa kun baay’ina, qulqullinaa fi dandeettii neetwoorkii kan fooyyessu ta’uu odeeffannoon Itiyoo telekoom agarsiiseera.

Haala Kanaan bu’uraalee misoomaa buleeyyii teeknooloojii ammayyaatiin bakka buusuudhaan, bal’inaa fi dandeettii 4G sadarkaa olaanaatti kan guddisu ta’uu eerameera.

Bal’ina 5G  guddisuudhaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa haaraaf kan barbaachisu konneektiviitii saffisaa olaanaa dhugoomsuuf ni dandeessisa jedhameera.

Keessumaa pirojektichi baadiyyaa bakkeewwan 75 ta’aniif sooluushinoota teeknooloojii moobaayilii dhiheessuuf akka gargaaru himameera.

Akkasumas buufataalee 3G buleeyyii 502 ammayyeessuu fi gara teeknooloojiiwwan 4G olaanaatti guddisuuf gumaacha olaanaa qaba jedhameera.

Pirojektichi riijinii oppireeshinii Eriksan (Ericsson) keessatti dandeettii neetwoorkii 4G haaraa baachuu danda’an miiliyoona 2 tuqaa 8 dabaluuf kan dandeessisu yoo ta’u, kun ammo dandeettii neetwoorkii walii galaa gara miiliyoona 4 tuqaa 1’n gahuuf nigargaara jedhameera.

Kana malees tajaajila ‘LTE’ gara  magaalota dabalataa 157tti babal’isuun, magaalota ‘LTE’tti fayyadaman gara 276tti guddisa jedheera Itiyoo Telekoom.

Kunis baay’ina ummataa dhibbantaa 45’n guddisuun, baay’ina ummataa riijinicha jiru walii galaan dhibbantaa 85niin gahuuf akka dandeessisu eereera.

Walii galteen kun haala jireenyaa, hojmaataa fi bittaa fi gurgurtaa Itiyoophiyaanonni ittiin taasisan gara sadarkaa olaanaatti ceesisaa kan jiran, pilaatfoormota kanneen akka teelee birria, zaman gabayaa fi Zeneksasiif deeggarsa ni taasisa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015