Injifannoon Kaarramaarraa Itiyoophiyaanonni Aggaammii biyyasaaniirratti taasifamu waloon akka qolatan kan itti mul’isanidha - ENA Afaan Oromoo
Injifannoon Kaarramaarraa Itiyoophiyaanonni Aggaammii biyyasaaniirratti taasifamu waloon akka qolatan kan itti mul’isanidha
Guraandhala 26/2018(ENA)-Injifannoon Kaaraamaarraa, Itiyoophiyaanonni rakkoo keessoo keessa utuu jiraniiyyuu, weerara biyya isaanii irratti banamu tokkummaan akka qolatan Addunyaatti kan itti Mul’isan injifannoo seena qabeessa ta’uun ibsameera.
Guyyaan Injifannoo Kaaraamaarraa 48ffaan mataduree “Injifannoo Kaaraamaarraa irratti arganne Galaana Diimaarratti ni dabalama” jedhuun kabajameera.
Ministirri Raayyaa Ittisa biyyaa duraanii Leetenaal Jeneraal Addis Tadilaa wayita sana akka jedhanitti, Injifannoon Kaaraamaarraa mallattoo “Adwaa lammaffaa”ilmaan Itiyoophiyaa birmadummaa biyya isaanii kabachiisaniidha jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni rakkoo keessoo qabatanis haleellaa biyyarratti raawwatamu kamiyyuu waloon akka qolatan addunyaaf kan ragaa bahan ta’uu hubachiisaniiru.
Dhaloonni ammaa misooma fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuurratti qophaa’oo ta’uusaaniin akka boonan ibsuusaanii Odeeffannoon onlaayinii Miidiyaa Raayya Ittisaa irraa aragame ni mul’isa.
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kuubaa Viilmaa Toomaas gamasaaniin, injifannoon kaarramaarraa Itiyoophiyaa fi kuubaa gidduutti hariiroo yeroo dheeraa ture caalaatti kan cimse ta’uu eeraniiru.