Tamsaasa Kallatti:

Omishtoonnii fi dhiheessitoonni bunaa omisha buna qaban ariitiin gabaaf dhiheessuu qabu

Guraandhala 26/2018(ENA) - Omishtoonnii fi dhiheessitoonni Bunaa Omisha Bunaa qaban ariitiin gabaaf dhiheessuu akka qaban Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa hubachiise.

Baatiiwwan lamaan darban gatiin bunaa sadarkaa Idil -Addunyaatti hir’achaa dhufuusaa Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitichaa doktar Addunyaa Dabalaa ibsaniiru.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi shayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa haala gabaa bunaa Idil-Addunyaa fi haala waktaawaa Buna Itiyoophiyaa ilalchisuun ibsa kennaniiru.

Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa akka ibsanitti, waggoottan shanan darban baay’inaa fi qulqullinaan buna fooya’aa gabaa Addunyaaf dhiheessuun galii fooya’aan argamuun danda’ameera.

Haala mijataa gabaa bunaa mijeessuunii fi omishaa fi omishtummaa gudisuuf hojjetamuusaa eeruun, bara bajataa kanatti bunni meetirik toonii miiliyoona 1 tuqaa 5 oomishamuusaa dubbataniiru.

Bara baajataa 2017 galiin doolaara biiliyoona 2 tuqaa 6 Al-ergii daldala bunaarraa argamuu ibsuun, bara bajataa kanatti doolaara biiliyoona 3 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Baatiiwwan lamaan darban keessatti gatiin bunaa gabaa Addunyaarratti hir'achaa dhufuusaa kaasuun; sadarkaa qulqullinaa fooyyessuu, buna Qulqullina qabu dhiheessuu fi dorgomtummaa dabaluun kan karoorfame galmaan gahuuf akka hojjetamu beeksisaniiru.

Qonnaan bultoonni kuma lamaa ol Buna gabaa Addunyaaf akka dhiheessaniif Haayyama Al-ergii (exporter license) argachuu isaanii eeranii; isaan keessaa 500 kan ta'an kallattiin dhiyeessaa akka jiran dubbataniiru.

Bunni waggaa omishame keessatti gabaatti akka ba’u seeraan kan taa’e ta’us, namoonni gatiin ni dabala jedhanii omisha qabatanii turan gatiin Bunaa Addunyaa waggaatti haaluma kanaan itti fufuu akka danda'u hubatanii, omisha harkaa qaban gabaa baasuu akka qaban hubachiisaniiru.

Taaksifoorsiin daldala kontirobaandii to’atu dhaabbachuu eeruun, kontirobandiin erguuf qaamoleen tattaffii taasisanirratti hordoffiin kan taasifamu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015