Tamsaasa Kallatti:

Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sirrii fi guddina dinagdee biyyattiif murteessaadha

Guraandhala 26/2018(ENA)- Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu sirrii fi guddina dinagdee biyyattiif murteessaadha ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddaroonni Noorweeyii fi Baangilaadiish ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad tibbana mana maree bakka bu’oota ummataaf ibsa yeroo kennan Itiyoophiyaa fi galaanni diimaa seera, teessuma lafaa, seenaa fi safartuuwwan biroo kamiinuu adda bahu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Noorweeyi Sitiiya Kiriistensan fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Baagilaadiish Eer Vaayis Maarshaal Siitwaat Naayim ENAtti akka himanitti, guddina waloo mirkaneessuuf ulaan galaanaa amansiisaan murteessaadha.

Qajeeltoo seera qabeessa, karaa nagaa fi fayyadama waloo Itiyoophiyaan gaaffii ulaa galaanaaf deebii argachuuf hordofaa jirtu  biyyoonnisaanii akka hubatan ambaasaaddaroonni kunneen ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Noorweeyi Sitiiya Kiriistensan, Itiyoophiyaan guddina dinagdee dinqisiisaarra akka jirtu humna olaanaa misoomuuf ishee dandeessisu  kan qabdu biyya bal’aadha jedhaniiru.

Guddina olaanaa si’ataa fi sochii dinagdee kana kan madaalu ulaa galaanaa amansiisaa argachuuf gaaffiin gaafatte faayidaa guddaa kan qabu dhimma biyyaa ta’uu ibsaniiru.

Barbaachisummaa gaaffii ulaa galaanaa amansiisaa argachuuf gaafatame kana sirriitti hubanna kan jedhan ambaasaaddarichi, carraan Itiyoophiyaan biyyoota riijinichaarraa ulaa galaanaa itti argatu bal’aa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Baangilaadiish Eer Vaayis Maarshaal Siitwat Nayim, guddina dinagdee walii galaa, daldalaa fi invastimantii, nagaa fi tasgabbii biyya tokkoof ulaan galaanaa amansiisaan barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015