Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo ijaaruun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jira - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo ijaaruun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jira
Guraandhala 26/2018(ENA) -Riifoormiin dhaabbiilee Dimokiraasii dandeettii bulchiinsa Boordii filannoo biyaalessaa Itiyoophiyaa guddisuun dorgommiin siyaasaa Fayyaalessi akka uumamu gochaa jiraachuu Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee ibsan.
Filannoon waligalaa 7ffaarratti gochaalee seera filannoo fi seera yakkaa waliin walfaallessan raawwatamaniif deebii ariifachiisaa kennuuf qophiin dandeessisu taasifamuu beeksisaniiru.
Boordiin Filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa 7ffaa raawwachuuf hojjechaa jiraachuu ibseera.
Kanaanis Boordichi Paartiilee Siyaasaa beekamtii argatanii galmaa’an filannicharratti dorgomuuf mallattoo filannoo fi kaayyoosaanii beeksifachaa jiru.
Ministirri haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee turtii ENA waliin taasisaaniin akka ibsanitti, Boordiin filaannoo tarkaanfiiwwan riifoormii milkaa’ina qabu dhaabbileee dimokiraasii gaggeessan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.
Jijiiramni bu’uuraa boordii filannootti gaggeeffame filannichi bilisa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf haala mijataa uumuun sirna dimokiraasiif qooda murteessaa akka bahuuf taasisuu ibsaniiru.
Boordiin filannoo biyyaalessaa fooyya’insa seeraa taasisee fi muudama hoggansaa gaggeesseen paartiilee siyaasaa gidduutti walabummaan wal-morkiin Siyaasaa fayyaalessaa uumuun jijiirama murteessaa fiduusaa dubbataniiru.
Muuxannoowwan filannoo walii galaa marsaa 6ffaarraa argamee Qindeessuun Filannoo biyyaalessaa caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamu irratti dabaluuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Gama Mootummaatiin adeemsi filannichaa Bilisa, haqa qabeessaa fi loogii kan hin qabne ta’uusaa mirkaneessuuf boordii filannoo, paartiilee dorgomtootaa fi Dhaabbiilee Hawaasa Siviliitiif deeggarsa barbaachisaan taasifamaa akka jiru dubbataniiru.
Filannoon walii galaa 7ffaa bilisa, haqa qabeessaa fi dimokitaarawaa akka ta’uuf paartiileen siyaasaa dorgomtootaa, dhaabbileen Hawaasa siivilii fi qaamoleen qooda fudhattoonni itti gaafatmummaa guddaan hojjechuu akka qaban hubachisaniiru.
Filannoon waliigalaa bara kanaa Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimookiraasii fooyya'aa ijaaruu haala mijataa uumuun faayidaa guddaa akka qabaatu ibsaniiru.
Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen itti waamaman filannoon walii galaa 7ffaan bilisa, haqa qabeessaa fi loogiirra bilisa akka ta’uuf qophii barbaachisaan taassifamuu dubbataniiru.