Giddugalichi erga hundeeffamee ji’oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru - ENA Afaan Oromoo
Giddugalichi erga hundeeffamee ji’oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru
Guraandhala 26/2018 (ENA):Erga giddugalli iddoo tokkoo (Masoob) Dirree Dawaatti hundeeffamee ji'oota jaha keessatti namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argachuu himame.
Qindeessaan giddugalichaa obbo Awwaqee Laggasaa ENAtti akka himanitti, giddugalichi baatii Fulbaanaa bara 2018 hojii kan eegale dhaabbilee 10’n tajaajila 28 kennaa jira.
Erga wiirtuun kun hojii jalqabee namoonni kuma 23 ol tajaajila saffisaa fi si’ataa argataniiru jedhan.
Giddugalichi waraqaa irraa bilisa ta’ee tajaajila ammayyaa, saffisaa fi si’ataa kennuudhaan rakkoo bulchiinsaa hiikuu isaa ibsaniiru.
Qorannoon itti quufinsa gaggeeffame akka agarsiisutti ummanni tajaajila mootummaa aragachaa jirutti gammachuu qabaachuu hubatameera.
Dhaabbileen giddugalichatti walitti qabamanis tajaajila saffisaa fi si’ataa qabu kennaa akka jiran fayyadamtoonni kunneen ibsaniiru.
Fayyadamtoota keessaa obbo Abdii Bushraan tajaajilli dijitaalaa giddugalichi kennu hawwataa ta’uu ibsaniiru.
Kaartaa abbaa qabeenyummaa lafaa argachuun tajaajila ariifataa argachuuf gara giddugalichaa erga dhufanii booda yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii xumuruu akka danda’an himaniiru.
Yeroo darbe dhaabbileen naannoo adda addaatti faffaca’anii waan turaniif tajaajila argachuuf hanga torbee tokkoo fi ifaajii guddaa kan barbaadu ta’uu yaadachuun, jijjiirama amma dhufe kanaan gammaduu isaanii ibsaniiru.
Aadde Salaamaawit Haagos gama isaaniitiin gibira kaffaluuf gara giddugalichaa dhufanii yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran himaniiru.
Dhimma isaa raawwachuuf gara giddugalichaa kan dhufe obbo Fissahaa Solomoon tajaajila haqa qabeessaa fi gahumsa qabu akka argate ibseera.
Tajaajila saffisaa dhaabbileen giddugalicha keessa jiran kennaa jirutti akka gammadan eeruun hojiin akkanaa kuni cimee itti fufuu akka qabu dhaamani.