Tamsaasa Kallatti:

Tajaajila fayyaa anniisaa haaromfamuu danda’u irratti hundaa’e babal’isuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba

Guraandhala 26/2018 (ENA): Hojiin dhaqqabamummaa tajaajila fayyaa anniisaa haaromfamuu danda’u bu’uura godhate babal’isuuf hojjetamaa jiru cimee itti fufuu qaba jedhan walitti qabduun Koree Dhaabbii Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Warqisammuu Maammoon.

Ministeerri Fayyaa meeshaalee anniisaa aduun hojjetu dhaabbilee dhaabbilee fayyaa 380f, hospitaalota, buufataalee fayyaa, kiillaawwan fayyaa fi akkasumas tajaajila hawaasummaaf kan oolan dabarsee kenneera.

Sirna kana irratti hoggantoonni olaanoo Ministeera Fayyaa, hoggantoonni biiroolee fayyaa naannolee hunda, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Dhaabbata baraarsa daa’immanii (UNICEF), dhaabbilee michuu fi hoggantoonni imbaasiiwwanii argamaniiru.

Walitti qabduun Koree Dhaabbii, Warqisammuu Maammoo akka himanitti, dhaqqabummaa tajaajila fayyaa qulqullina qabuu fi haqa qabeessa ta’e babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiru jajjabeessaa waan ta’eef cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa gamasaaniitiin rakkoolee sababa addaan ciccituu ibsaatiin uumamu, keessumaa dhaabbilee eegumsa fayyaa sadarkaa duraa keessatti mudatan hambisuuf ciminaan hojjetamaa jira jedhani.

Hojiin kun galma biyyaalessaa Itiyoophiyaan filannoowwan anniisaa haaromfamuu naannoodhaaf mijatoo ta’an babal’isuu waliin kan walsimu ta’uus ibsaniiru.

Tajaajila fayyaa qulqullina qabu, haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru cimee akka itti fufu eeruun, anniisaa haaromfamuun humna ibsaa osoo addaan hin citiin tajaajila fayyaa kennuudhaaf carraa guddaa akka uumu ta’uu ibsaniiru.

Raabsiin meeshaalee anniisaa haaromfamuu danda’uu kuni fedhii anniisaa dhaabbilee fayyaa kan guutu qofa osoo hin taane, hawaasni naannoo fayyadamoo akka ta’uuf carraa guddaa kan uumu ta’uus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015