Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti misooma Bunaa babal’isuuf biqiltuun Bunaa miiliyoona 70 ol qophaa’eera

Guraandhala 26/2018 (ENA)- Godina Gujiitti misooma Bunaa babal’isuuf kan oolu biqiltuun bunaa miiliyoona 70 ol qophaa’uu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti ogeessi misooma Bunaa fi Shaayee obbo Birhaanuu Fayyisaa ENA’f akka ibsanitti, misooma Bunaa babal’isuuf baran biqiltuu Bunaa miiliyoona 61 qopheessuuf karoorfamee hojiitti galameera.

Baatii toorba darbe Biqiltuuwwan sanyiin fooyya’aa ganna dhufu dhaabaman miiliyoona 70 qopheessuun karooraa ol raawwachuun akka danda’ame ibsaniiru.

Bunni fooyya’e kun irra caalaan buufata qorannoo qonnaa Jimmaa fi Yirgaalam Awwadaarraa kan bahan yoo ta’u, heektaararraa kuntaala 12 amma 15 oomishuu kan dandeessisanidha.

Sanyiin kun qorraa fi dhukkuba damdamachuun yeroo dhihootti oomisha kennuu akka dandeessisan mirkanaa’uu ibsaniiru.

Misooma Bunaa kana aanaalee godinichaa hundatti babal’isuuf lafti heektaara kuma 10 fi 500 qophaa’uu himanii, sanyii Bunaa fooyya’e qonnaan bultoota Buna oomishan kuma 61’f kennamuu eeraniiru.

Yeroo ammaa aanaalee godinichaa 12 fi ganda 157 keessatti lafa heektaara 177 irratti Bunni misoomuu ibsaniiru.

Godinichatti midhaan oomishuu fi beellada horsiisuun cinaatti qonnaan bultoonni kuma 108 caalan misooma Bunaarratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015