Tamsaasa Kallatti:

Riyaal Sosiyeedaad tapha mo’atanii darbuu  xumuraatti darbe

Guraandhala26/2018(ENA):-Tapha mo’atanii darbuu Waancaa Ispeen  (Copa del Rey) walakkaa xumuraaa tapha deebii Riyaal Sosiyeedaad Atiletiko Biilba’oo 1 fi 0n mo’ateera.

Tapha Istaadiyeemii Anoo’eetatti gaggeeffameen Maayikiil Ayarzaabaal  daqiiqaa 87ffaatti  rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera.

Gareewwan lameen morkii wal maadaalu gaggeessaniiru.

Riyaal Sosiyeedaad bu’aa ida’amaan 2 fi 0n injifachuun xumuraaf darbeera.


 

Kilabiin Baaskuu Tapha jalqabaan 1 fi 0n mo’achuunsaa  ni yaadatama.

Riyaal Sosiyeedaad tapha xumuraa irratti Atileetiko maadiriid waliin taphata.


 

Taphni xumuraa Ebla 10 bara 2018 ni gaggeeffama.

Atiletiko Maadiriid Baarsenoolaan bu’aa ida’amaan 4 fi 3n injifachuun xumuraaf darbuunsaa ni yaadatama

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015