Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilli paaspoortii Baalee Roobeetti eegalame dhamaatii fi baasii fayyadamtootaa hir'isuu danda’eera

Guraandhala 26/2018 (ENA): Waajjirri damee Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Baalee Roobeetti banamuun isaa rakkoo fi baasii duraan isaan mudatu dhabamsiisuu isaa fayyadamtoonni himaniiru.

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa dhaqqabummaa babal’isuuf tattaaffii haaromsaa taasisaa jiruun dameelee dabalataa kutaalee biyyattii adda addaatti banuun isaa ni yaadatama.


 

Dameen dhiheenya kana Baalee Roobeetti banamees qaama tattaaffii kanaa yoo ta’u, akka fayyadamtoonni ENA’n dubbise jedhanitti, dhaabbatichi tajaajila kana isaanitti dhiyeenyatti banuunsaa hojmaata isaa ammayyeessuun adeemsa dadhabsiisaa kanaan dura ture dhabamsiiseera.


 

''Kanaan dura tajaajila paaspoortii argachuuf gara Adaamaa, Hawaasaa fi Finfinnee imaluu qabna turre, kunis guyyoota hedduu kan fudhatu ture,'' jetti jiraattuun aanaa Agarfaa Samiiraa Abdurii.

Amma garuu, adeemsa kana toora interneetiin(oline) waan jalqabaniif, paaspoortii ofiis guyyaama beellamameetti fudhachuuf akka dhufan dubbatti.

Jiraattuu magaalaa Roobee kan ta’an Sa’aadaa Huseen kanaan dura paaspoortii baafachhuufis ta’e haaromsachuun ifaajii hedduu kan qabu kan ture, keessattuu fagoo deemuun dirqama kan ture tajaajilamtoonni mufaatii guddaa qabna ture jechuun yaadatti.

Amma tajaajilli kun naannoo isaaniitti eegaluun isaa boqonnaa guddaa akka ta'e dubbatteetti.


 

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gama isaaniitiin, damee Immigireeshinii fi Tajaajila Lammummaa magaalattii keessatti banamuun gaaffii bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ummanni kaasaa ture deebisuuf kan kaayyeeffatedha jedhani.

Milkaa’ina hojichaaf tumsa barbaachisu akka taasisanis mirkaneessaniiru.


 

Hojii gaggeessituu Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa Waajjira Damee Baalee Roobee kan ta’an aadde Addisaalam Nugusee akka himanitti, Jiraattonni Godina Baalee fi magaalaa Roobee caalaatti dhiyeenyaan akka tajaajilaman ni taasisa jedhani.

Itti dabaluunis, fayyadamtoonni odeeffannoo isaanii toora interneetii irratti guutanii gara damee kanaa dhufanii beellama kenname qofa irratti tajaajila fudhachuu akka danda’an himaniiru.

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa hojiiwwan haaromsaa raawwateen sirna ammayyaa fi gahumsa qabu ijaaraa akka jiru yeroo garagaraa ibsuun isaa ni yaadatama.

Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015