Tamsaasa Kallatti:

Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaadha

Guraandhala 26/2018 (ENA): Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadaa dimokiraasii dagaagsuu fi waliigaltee biyyaalessaa uumuun mootummaa cimaa ijaaruuf waltajjii murteessaa ta’uu hayyoonni ibsaniiru.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojii dabalataa ji’oota saddeet kennameef keessatti marsaa marii hafe xumuruuf lammiileen hundi gahee isaanii bahuu akka qabanis gorsaniiru.

Hayyoonni kunneen turtii ENA waliin taasisaniin Mariin Biyyaalessaa meeshaa waliigaltee biyyaalessaa uumuuf kan gargaaru ta’uu fi biyyoota hedduu keessatti hojiirra ooluu fi bu’aa argamsiisuu isaa ibsaniiru.


 

Mariin Biyyaalessaa lammiilee biyya tokkoo gidduutti garaagarummaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf meeshaa dha jedhani qorataan seenaa Dr. Dagmaawii Tasfaayee.

Mariin Biyyaalessaa kun aadaa yaaddoo lammiilee karaa nagaa mariitiin furuu dagaagsuu qofa osoo hin taane, dhimma biyya isaaniitiif gumaacha hiika qabu akka taasisan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis lammiilee gidduutti wal amantaa uumuu fi gatiiwwan dimokiraasii guddisuuf gargaara jedhan.

Mariin Biyyaalessaa biyyoota hedduutti kan milkaa’e waan ta’eef lammiileen hunduu tumsuun yaada walitti fiduun mariin dhaloota rakkoo malee waliin jiraatu uumuuf gargaara jedhani.


 

Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa fi ajandaa kaa’uu irratti hirmaatan qorataa injinariingii bishaanii kan ta’an Dr. Sisaay Dammaquu akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa kun biyyoonni rakkoo isaanii sagalee uummataa harka caaluun karaa ittiin furan ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan biyya qabeenya adda addaa fi eenyummaa adda addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, Mariin Biyyaalessaa dhaloonni egeree rakkoo keenya furuun dirree addunyaa irratti akka Adwaatti akka mul’annu karaa itti ta’u dha jechuun ibsaniiru.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hanga ammaatti hojii jajjabeessaa hojjachuu isaa hubachiisuudhaan, yeroo dabalataa kenname keessatti hojii hafe xumuruuf hunduu gahee isaa akka bahu waamicha dhiyeesseera.

Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015