Godinichatti Qonnaan bultoonni Muuzii Kilastaraan Omishuun fayyadamummaasaanii guddisuuf hojjechaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti Qonnaan bultoonni Muuzii Kilastaraan Omishuun fayyadamummaasaanii guddisuuf hojjechaa jiru
Guraandhala 25/2018(ENA)- Godina wallagga lixaatti Qonnaan bultoonni Aanaa Begii Kilaastaraan gurmaa’uun sanyii muuzii fooya’aa misoomsuun fayyadamummaasaanii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu beeksisaniiru.
Waajjirri Qonnaa Godinichaa gamasaan, Godinichatti Lafa Hektaara kuma 19 olirratti Misoomni Muuzii hojjetamaa jiraachuu ibseera.
Qonnaan Bultoonni Aanaa Beegii Yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, inisheetivoota Qonnaa godinichatti ifooman keessaa misooma Muuziirratti kilaastraraan hirmaachuun fayyadamummaasanii mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Qonnaan bultoona Aanichaa keessaa Obbo Tashaalaa Jiraataa akka ibsanitti, ammaan dura misooma midhaanii qofarratti daanga’anii turuu ibsuun, amma garuu qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun qabiyyeesaanii hektaara lamarratti kilaastaraan muuzii omishaa jiru.
Sanyiin fooya’aan kana waajjirri qonnaa bilisaan isaaniif dhiheessuun deeggarsa taasisaa jiraachuu eeraniiru.
Qonnaan bula biroon Obbo Mahaammud Yaadaa gamasaaniin, misooma muuziiratti hirmaachuu erga eegalanii waggaa lama ta’uu eeruun, yeroo ammaa omishasaanii gabaaf dhiheessaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina wallaga lixaa Obbo Fayyisaa Hambisaa ENA’f akka ibsanitti Godinichatti lafa hektaara kuma 19 irratti Muuzii Sanyiinsaa foyya’een misoomaa jira.
Misoomicha caalaatti babal’isuuf sanyii biqiltuuwwan hongee fi dhibee dandamachuun yeroo gabaabaa keessatti omisha kennan qonnaan bulaaf raabasa jiraachuu eeraniiru.
Kanaanis qonnaan bultoonni kuma 16 ta’an misooma midhaanii cinaatti misooma muduraaleerratti hirmaachuun fayyadamoo ta’uu danda’uu ibsaniiru.