Inisheetivonni Naannoo Oromiyaatti hojiirra oolan fayyadamummaa misooma dubartootaa mikaneesaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Inisheetivonni Naannoo Oromiyaatti hojiirra oolan fayyadamummaa misooma dubartootaa mikaneesaa jiru
Guraandhala 25/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Inisheetivonni hojiirra oolan hirmaannaa fi fayyadamummaa misoomaa dubartootaa guddisaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichjaa beeksise.
Hogganotoonni Olaanoon Naannichaa fi Godina Harargee Lixaa guyyaa dubartootaa Addunyaa bara kanaa sababeeffachuun hojiiwwan misoomaa Dubartoota Godinichaan hojjetaman daawwataniiru.
Wayita sana Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Naannichaa Aadde Mabiraat Baacaa akka jedhanitti, waggoottan shanana darban jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiiwwan eegalaman dubartoota hirmaattotaa fi fayyadamtoota taasiseera.
Kanaafis Biirichi qooda fudhattoota waliin ta’uun dubartooota sadarkaa sadarkaan jiraniif deeggarsa Faayinaansii, bakka hojii fi gurgurtaa mijeessuu beeksiseera.
Kunis dubartoonni misooma Lukkuun, Qonnaa fi sagantaa Maaddii guutuun dhuunfaa fi waldaan hirmaachuun fayyadamummaa dinagdeesaanii qabatamaan akka guddisan dandeesisuu beeksisaniiru.
Godina Haragree Lixaa Aanaa Ciroo fi Gammachiisitti dubartoonni waldaan gurmaa’anii lukkuu horsiisan, buddeenaa fi daabboo tolchaa jiran agarsiistuu kanaati jedhaniiru.
Biirichi Dubartoota Aanaawwan kanatti waldaan gurmaa’aniif birri Miiliyoona 1 tuqaa 7 ol baasuun Maashina Daabboo tolchuu fi Eelee buddeenaa deeggarsa taasisuu ibsaniiru.
Naannicha bakkeewwan adda addaatti tajaajila tola ooltummaan dubartoota harka qal’eeyyii fi deeggarsa hin qabne hedduuf manni jireenyaa isaaniif ijaaramee jireenya fooya’aa akka jiraataniif xiyyeeffannon kennamuun hojjetamuusaa dubbataniiru.
Bulchaan Godina Harargee Lixaa Aadde Akiraam Xahaa gamasaaniin, Godinichatti jireenya dubartootaa fooyyessuu fi hirmaannaa misoomaasanii guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran dubartoonni hirkattummaa jalaa bahanii humna dinagdeesaanii akka guddifatan taasiseera.
Bulchiinsi Godinichaa hirmaannaa misooma dubartootaa guddisuuf leenjii kennuun, bakka omishaa fi gurgurtaa mijeessuun deeggarsa taasisuu ibsaniiru.
Aanaa Gammachiis magaalaa Qunniiti hiriyootashee shan waliin ta’uun lukkuu horsiisaa kan jirtu Yoodiit Nugusee liqaa mootummaan birrii kuma 500 isaaniif mijeesseen hojii eegalanii bu’aa qabeessa ta’aa jirachuu ibsiteetti.
Cuucii lukkuu baatii sadii sadiin gabaaf dhiheessuun galii hanga birria kuma 100 argachaa jiraachuusaanii beeksisteetti.
Deeggarsi mootummaan isaaniif taasise kaka’umsa kan itti hore ta’uu fi gara invastimantii caalutti ce’uuf karoorfatanii hojjechaa jiraachuusaanii ibsiteetti.
Daawwanichaan Godinicha Aannaa Gammachiisii fi Cirootti Maneen tola ooltotaan harka qal’eeyyiif ijaaraman daawwatameera.