Sagantaa maaddii guutuu damee beelladaatiin naannoo Harariitti gaggeeffamu babal’isuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufeera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa maaddii guutuu damee beelladaatiin naannoo Harariitti gaggeeffamu babal’isuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufeera
Guraandhala 25/2018(ENA)- Sagantaa maaddii guutuu damee beelladaatiin naannoo Harariitti gaggeeffamu babal’isuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuusaa biiroon misooma qonnaa naannichaa ibse.
Naannichatti cuucii handaanqoo kuma 100 yaasisuun raabsamuurratti argama.
Biiroo misooma qonnaa naannoo Harariitti daarektarri misooma beelladaa fi qurxummii Naa’ol Abdumaliik ENAtti akka himanitti, oomishaa fi oomishtummaa misooma beelladaa naannichaa gabbisuu fi bal’isuurratti hojiileen bal’aan hojjetamaa jiru.
Sanyii beelladaa fooyyessuu fi galtee dhiheessuun, qaqqabummaa tajaajiloota fayyaa beelladaa bal’isuu fi hojiileen biroon raawwatamuusaanii eeranii, kunis wagga gara waggaatti guddachaa dhufuusaa dubbataniiru.
Barana naannichatti sheediiwwan cuucii handanqoo kuma 2 ol qabachuu danda’an ijaaruu fi dureeyyii hojichatti galchuun waggoota darbanii ol guddisuun raawwatamuu ibsaniiru.
Dabalataanis hojiilee misooma beelladaa fi qurxummiirratti hojjetaman qulqullinasaanii guddisuuf hojjetamaa akka jiran dabalanii ibsaniiru.
Akkasumas oomisha damee kanarraa argamu gabaa Sanbataa fi Dilbataa baasuun hawaasni gatii madaalawaan bitatee akka fayyadamu jiraachuu eeraniiru.
Biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan wiirtuu lukkuu baay’isuu fi raabsuu Sarkaalam Dammiroo, sagantaa kanaan sanyii lukkuu Teetiraa echi jedhaman biyya alaatii fichisiisuun cuucii yaasisuun sanyiin baay’ifamaa jira jedhaniiru.
Baranas cuucii handaanqoo kuma 100 waldaalee fi namoota dhuunfaa damee kanarratti hojjetaniif raabsamaa jiraachuu fi amma ammaattis cuuciin kuma 8 raabsamuu ibsaniiru.