Tamsaasa Kallatti:

Deeggarsi dameelee hedduun Industiriiwwan omishaaf taasifamu cimee itti fufa – Baankii Daldala Itiyoophiyaa

Guraandhala 25/2018(ENA)- Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Deeggarsa dameelee Industiriiwwan omishaaf taasisaa jiru cimsee akka itti fufu Pirezidaantiin Baankichaa Abbee Saanoo ibsan.

Hoggantoonni olaanoon Kaawunsilii Industiriiwwan omishaa biyyaalessaa Industiriiwwan Omishaa adda addaa Magaalota Shaggar, Bishooftuu fi Adaamaatti argaman dirree bahuun daawwataniiru.

Daawwanaan kun hudhaawwan Naannoo Industirii jiran dhiheenyaan hubachuu fi kaawunsilichaan furmaata si’ataa kennuuf kan kaayyeffate ta’uun hubatameera.

Miseensi Kaawunsilichaa Pirezidaantii Bankii Daldala Itiyoophiyaa Abbee Saanoo ENA’f akka ibsanitti, Baankichi deeggarsa dameelee Industiriiiwwan omishaaf taasisu cimsee itti fufa.

Baankichi rakkoowwan dhugaa damichaan adda baasuun gama faayinaansii fi sharafa Alaatiin deeggarsa irraa eegamu taasisaa jira jedhaniiru.

Baankiin Daldala Itiyoophiyaa liqaa walii galaa kennu keessaa qooda olaanaa kan qabate Faayinaansii Industirii ta’uu Pirezidaantichi dubbataniiru.

Dhiheessii liqaa Baankichaa keessaa dhibantaa 45n ol kan ta’u dameelee Industirii Omishaaf akka dhihaate ibsaniiru.

Industiriiwwan Omishaa Ammas dhiheessii faayinaansii dabalataa akka barbaadan ibsuun, baankichi fedhii kana guutuu fi xiyyeeffannoo fooyya’e kennuuf hubachuusaa beeksiseera.

Walii gala humna faayinansii guddisuu ni barbaada, nuyis xiyyeeffannoo fooyya’e taasisuun akka nurra jiru hubanneerra jechuun Pirezidaantichi mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015