Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaa kan cimsuu fi ijaaru Fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amedha

Guraandhala 25/2018(ENA) - Itiyoophiyaa kan Cimsuu fi Ijaaru fedhii fi yaadama Itiyoophiyaanotaa Ida’amee ta’uu hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu ibsan.

Paartiin Badhaadhinaa walii galtee biyyaalessaaf hirmaannaa gaarii maricharratti taasisu cimsee akka itti fufu ibseera.

Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa labsii lakoofsa 1265/2014n kan hundeeffame, dhimma biyyaarratti garaagarummaawwan bu’uura jiran mariin hiikuu fi ummata gidduutti walii galtee waloo uumuufi.

Komishinichi waltajjiiwwan marii hirmaachisaa ta’e mijeessuun nageenya fulla’aa fi Ijaarsa Sirna Dimokiraasii cimaaf yaadawwan gargaaran dhiheessuuf galma qabateera.

Komishinichi waggottan darban biyya keessatti Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaatti, akkasumas Lammiilee Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya Alaa jiraatani hojii bakka bu’oota filachuu fi Ajandaa walitti qabuun bal’inaan raawwatameera.

Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Paartichaa Obbo Mallasaa Alamuu turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa mariin Itiyoophiyaa biyya jabduu ishee taasisa jedhu ejjennoo cimaa akka qabu ibsaniiru.

Paartiin badhaadhinaa hanga ammaatti shoora gaari bahachaa turuusaa ibsaniiru.

Marichi waldhabdeewwan baroota keessatti sababoota adda addaan uumaman furuuf murteessaa ta’uu itti dabaluun ibsaniiru.

Itiyoophiyaa kan ijaaruu fi Cimsu fedhii fi yaada ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaati kan jedhan obbo Mallasaan paartiinsaaniis marii kana akka hojii garee tokkoo qofaatti akka hin ilaallee dubbataniiru.

Marichi dhimma Itiyoophiyaanota hundaa ta’uu amanuun, paartichi mariirratti hirmaachuu fi ijaarsa mootummaaf ajandaawwan barbaachisa jedhu dhiheessuurratti akka argamu ibsaniiru.

Akka paartii biyya bulchuutti adeemsichi akka milkaa’uuf gahee haala mijeessummaasaa bahachaa jiraachuu eeruun, Adeemsi marichaa baatiiwwan saddetiif dheerachuun komishinichi hojiisaa sirnaa fi qulqullinaan akka xumuruuf carraa akka uumu eeraniiru.

Paartiin Badhaadhinaa baatiiwwan itti aananittis adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa gaarii taasisu cimsee akka itti fufu mirkaneeseera.

Kanaanis paartichi qaamolee deeggartootaa biroo waliin ta’uun Itiyoophiyaan gara sadarkaa walii galee foyya’aarrra akka geessuuf ni hojjeta jedhaniiru.

Paartiin badhaadhinaa faayidaa guddaa mariin biyyaalessaa dhalootaaf qabu hubachuun haalota mijataa uumuuf yeroo hundumaa qohii ta’uu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015