Magaalaa Shaggaritti waggoota sadan darban birrii biiliyoona 8 tuqaa 8’n dhaabbileen fayyaa ijaaramaniiru-Wajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar - ENA Afaan Oromoo
Magaalaa Shaggaritti waggoota sadan darban birrii biiliyoona 8 tuqaa 8’n dhaabbileen fayyaa ijaaramaniiru-Wajjira Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar
Guraandhala 25/2018 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti hanqina waliin gahiinsa dhaabbilee fayyaa furuuf waggoota sadan darban birrii biiliyoona 8 tuqaa 8’n dhaabbileen fayyaa adda addaa ijaaramuu Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise.
Hojii kanaanis tajaajila fayyaa qaqqabama fi si’ataa argachuuf hanqinni kanaan dura ture furamuu fi milkaa’inni heduun argamuu waajjirichi ibseera.
Itti gafatamaan Waajjira Fayyaa bulchiinsa magaalaa Shaggar obbo Abarraa Botoree ENA’f akka himanitti, hundeeffama magaalaa Shaggariin dura dhaqabamummaan dhaabbilee fayyaa magaalicha keessa ture baay’inaa ummata magaalicha keessa jiru waliin kan wal gitu hin turre.
Bulchiinsi magaalichaas rakkoo kana furuuf xiyyeeffannoo addaan dhaabbilee fayyaa kanaan dura turan tajaajila isaanii fooyyesuu fi dhaqabamummaa tajaajila fayya dabaluuf dhaabbilee fayyaa haaraa ijaaruurratti xiyyeeffatee hojjechuu himaniiru.
Osoo bulchiinsi magaalichaa hin hundaa’iin dura magaalicha keessa buufataawwan fayyaa 24 qofaan akka turan himaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa waggaa sadi keessatti bufataalee 11 ijaruun buufataalee fayyaa magaalicha keessatti 35’n gahuu danda’amuu himaniiru.
Buufataaleen fayyaa lama immoo ijaarsarra kan jiran yoo ta’u yeroo dhihootti ijaarsi isaanii xumuramee tajaajila kennuu akka eegalan eeraniiru.
Buufataawwan fayyaa kunneen tekinolojii ammayyaa fi human nama gahoomeen tajaajila fayyaa si’ataa fi haqa qabeessa kennaa jirachuu obbo Abarraan himaniiru.
Yeroo magalaan shaggar hundaa’uu magaalicha keessas ta’ee naannaawwaa isaa hospitaalli tokkollee akka hin jirree eeranii, hawaasni magaalichaas tajaajila fayyaa argachuuf yeroo fi mallaaqa isaa qisaasuun magaalaa Finfinneetti waldhaansa fayya argachaa turuu himaniiru.
Rakkoo kanas furuuf bulchiinsi magaalichaa Hospitaaloota sadarkaa jalqabaa fi waliigalaa 7 ijaaraa jiraachuu himaniiru.
Hospitaaloota kana keessaas 1 ijaarsii isaa xumuramuun tajaajila kennuu jalqabuu eeranii, 2 immoo yeroo dhihootti xumuramanii tajaajila kunnuu kan eegalan ta’uu ibsaniiru.
Hopitaaloonni ijaarsa irra jiran kunneen hopitaaloota tekinolojii waldhaansa fayyaa ammayyaan kan deeggaramanii fi sadarkaa isaanii eeggatan ta’uu himaniiru.
Dabalataan magaalichaatti dhiijbeewwan dursanii ittisuuf kellaawwan fayya kanaan dura turan tajaajila isaanii fooyyessuu fi ogeeyyii gahooman itti ramaduun cinaatti kellaawwan fayyaa haarawwaas ijaaramuu himaniiru.
Yeroo amma akka waliigalaatti bulchiinsa magaalichaa keessa kellaawwan fayyaa 85 jirachuu eeraniiru.
Bulchiinsi magaalichaa dhaabbilee fayyaa qaqqabamaa taasisuuf hojii hojjetu cinaattis tajaajila dhaabbileen fayyaa kennaan foyyessuu irrattis xiyyeeffanoon hojjechaa jirachuu himaniiru.
Keessattu itti fayyadama tekinolojii haalaan dabaluu fi rakkoo dhiheesii qorichaa furuuf mana qoricha moodela hawaasaa babal’isurratti hojjetamuu ibsaniiru.