Tamsaasa Kallatti:

Ummata Tigiraayiif Nagaa fi Misoomatu mala – Ministira Muummee Doktara Abiyyi Ahimad

Guraandhala 25/2018(ENA) - Ummata Tigiraayiif Nagaa fi Misoomatu mala jechuun Ministirri Muummee Doktara Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad turtii ENA Afaan Tigiriffaa waliin taasisaniiru.

Turtiisaaniin Ummanni Tigiraay Nageenyaa fi Misoomaaf kan qabsaa’e ta’uu eeruun, fedhiin misoomaa fi nageenyaasaanii guddaa ta’uu ibsaniiru.

Naannoon Tigiraay boqonnaa barbaada, nagaa barbaada, Misooma barbaada jechuun dubbataniiru.

Naannichi nageenyaa fi misooma naannoolee hundatti dhufaa jiru akka isaaf malu kan ibsan Ministirri Muummee doktar Abiyyi kunis yaadama(ilaalcha) dulloomaan mirkanaa’uu hin danda’u jedhaniiru.

Yeroo dulluma saaniitti warreen waraana kakaasan immoo dhaabaa jedhamuu akka qabanii fi nagaa waaraa(fulla’aa) biyya keenyaa mirkaneessuuf hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Mootummaan fedhii ummataa deeggaruuf qophii ta’uus ibsaniiru.

Qaamolee nagaa barbaadan waliin, dargaggoota baratan waliin, wal tumsinee nagaa fi misooma Naannoo Tigiraayiitiif ni hojjenna jechuun waamicha dhiheessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015