Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama - ENA Afaan Oromoo
Piriimar liigichaan taphoonni Arsenaal Biraayiten waliin, Maanchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin taasisan hawwiin ni eegama
Guraandhala 25/2018(ENA) - Piriimar liigii Ingiliz torban 29ffaa oolmaa guyyaa lammataan taphoonni shan ni gaggeeffamu.
Galgala sa’aatii 4:30tti Biraayiteen Arsenaal waliin Istaadiyeemii Ameeksitti ni taphatu.
Biraayiteen qabxii 37n sadarakaa 12ffaa qabateera. Arsenaal qabxii 64n liigicha dursaa jira.
Taphichaan Biraayiteen Injifannoo itti fufaa liigichaa sadii galmeessisuuf kan taasisudha.
Morkataansaa Arsenaal yoo injifate dursummaa liigichaa kan itti cimsatu qabxii murteessaa sadii argata.
Taphicha Abbaa seerummaan Kiriis Kavanag ni gaggeessu.
Sagantaa biroon Manchistar Siitiin Nootinghaam Fooresti waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Itihaaditti ni keessummeessa.
Manchistar Siitiin Taphni tokko otoo isa hafuu qabxii 59n sadarkaa 2ffaa qabateera.
Nootinghaam Fooresti qabxii 27n sadarkaa 17ffaarratti argama.
Manchistar Siitiin yoo injifate morkii waancaa keessatti akka ittifufu isa taasisa.
Tapha ligichaa shanan darbanitti kan hin mo’anne Nootingihaam Fooresti yoo injifatee , sadarkaa gad bu’insaa jalaa ooluuf morkii taasisu keessatti qabxii murteessaa sadii argamsiisaaf.
Galgala sa’aatii 5:15tti Niwukaastil Yunaayitid Maanchistar Yuunaayitid waliin ni taphata.
Niwuukaastil Yunaayitid qabxii 36n sadarkaa 13ffaarratti argama.
Maanchistar Yunaayitida qabxii 51n sadarkaa 3ffaa qabateera.
Niiwuukaastil itti fufinsaan yeroo lama erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata.
Mancheester Yunaayitid deemsa gaarii kanaan itti fufuu fi dorgommii Shaampiyoonsi Liigii keessatti morkiisaa cimsachuuf qabxii sadii argachuun murteessaadha.
Istaadiyeemii Viillaa Paarkitti Astonviilaan chelsii waliin galgala sa’aatii 4:30tti ni taphatu.
Astonviilaan qabxii 51n sadarkaa 4ffaarra jira, Chelsiin qabxii 45n sadarkaa 6ffaa qabateera.
Shaapiyonsi liigichaan hirmaachuuf gareewwan lamaan morkii cimaa gaggeessu.
Fulhaam weestihaam Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Kiravan koteejitti taphasaanii gaggeessu.