Tamsaasa Kallatti:

Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad ministiroota ittisaa biyyoota Afriikaa waliin mari’atan

Guraandhala 24/2018 (ENA)- Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad ministiroota ittisaa biyyoota Afriikaa waliin mari’ataniiru.

Mriin kun kan gaggeeffame  konfaransii ministiroota ittisaa Afriikaa lammaffaa ayyaana injifannoo Adwaa 130ffaa sababeeffachuun Finfinneetti gaggeeffame cinaattidha.

Ministirri ittisaa injiinar Ayishaa Mahaammad ministiroota ittisaa biyyoota Afriikaa garagaraa irraa dhufanii fi dursitoota garee jilaa waliin mariilee gamlamee bu’a qabeessa gaggeessuusaanii odeeffannoon ENA’n miidiyaa onlaayinii ittisaarraa argate ni mul’isa.

Walii galteewwan tumsaa Kanaan dura biyyoota jidduutti mallatteeffaman maalirra akka jiran marii Kanaan kan gamaaggamame yoo ta’u, fuulduras tumsa kana sadarkaa olaanaatti ceesisuuf sanadoota walii galtee haaraa dabalatee dameewwan hojiilee garagaraa irratti waliin hojjechuuf walii galteerra gahameera.

Ministirri kun marii kanarratti akka ibsanitti, injifannoon Adwaa faayidaa seenaan gamatti har’a Afriikaan yaaddoowwan nageenyaa fi tasgabbii danqaa itti ta’e waloomaan qolachuuf akka madda miraa fi hammattoo tumsaatti tajaajiluu qaba.

Ministiroonni ittisaa biyyoota Afriikaa marii kanarratti hirmaatan gamasaaniin, qooda adda duree fi bakka bu’aa hin qabne kan Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii ardiif gumaachaa jirtu dinqisiifataniiru.

Ayyaana injifannoo Adwaa Itiyoophiyaatti argamuun obbolootasaanii waliin kabajuusaaniitti gammachuu itti dhagahame ibsanii, fuulduras ijaarsa dandeettii waliin ittisuu irratti kutannoon hojjechuuf fedhii cimaa qaban mirkaneessaniiru.

Mariin gamlame kun dhageettii dippilomaasii Itiyoophiyaan Afriikaatti qabdu guddisuun olitti, nageenyaa fi walitti hidhamiinsa waloo ardichaa mirkaneessuuf carraaqqii dippilomaasii taasifamu caalaatti kan cimsu ta’uun ibsameera.

Biyyootaa fi dhaabbilee ministirittiin waliin mari’atan keessaa ministiroonni ittisaa Keeniyaa, Sudaan Kibbaa, Ziimbaabuwee, Zaambiyaa, Koongoo rippaabiliikii, Bootiswaanaa, Ruwaandaa, Demokiraatiik Rippaabiliik Koongoo, Kaameeruun, Maalii fi Aljeeriyaa fi jeneraalonniolaanoon akkasumas hoggantoonni humna eeggataa Afriikaa bahaa keessatti argamu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015