Kenninsa tajaajila fayyaa magaalaa Shaggaritti fooyyessuuf hojiileen hojjetaman bu’aa fidaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Kenninsa tajaajila fayyaa magaalaa Shaggaritti fooyyessuuf hojiileen hojjetaman bu’aa fidaa jiru
Guraandhala 24/2018 (ENA)- Kenninsa tajaajila fayyaa magaalaa Shaggaritti fooyyessuuf hojiileen hojjetaman bu’aa fidaa jiraachuu waajjirri fayyaa bulchiinsa magaalichaa beeksise.
Hoogganaan waajjirichaa obbo Abarraa Botoree ENA’f akka ibsanitti, hanqinoota qaqqabummaa haqa qabeessaa, dhiheessii galtee, itti fayyadama faayinaansii fi dijitaalaayizeeshinii fayyaa damee fayyaa magaalichaatti mul’achaa turan qorannoon adda baafamanii hojiitti galameera.
Tajaajila fayyaa qulqulluu kennuuf humna nama baratee guutuunii fi meeshaalee laaboraatoorii ammayyaa dhaabuun bal’inaan hojjetameera.
Dhiheessii qorichaa fooyyessuuf hojii hojjetameen buufata fayyaan alatti faarmaasiiwwan hawaasaa babal’isuun, hawaasni qoricha gatii madaalawaan dhiheenyatti akka argatu taasifamuu obbo Abarraan ibsaniiru.
Namoota inshuraansii fayyaa fayyadaman baay’isuudhaan qaqqabummaan tajaajilichaa akka babal’atu godhamuu dabalanii ibsaniiru.
Kuta magaalaa Koyyee Facceetti hojii gaggeessaan buufata fayyaa Tulluu Diimtuu obbo Baqqalaa Xooxxoowu gamasaaniin, buufanni fayyaa kun tajaajila fayyaa guutuu kennuuf kan isa barbaachisu qoricha, meeshaalee waldhaansaa fi humna namaa guuttachuusaa ibsaniiru.
Keessumaa haadholii fi daa’immaniif xiyyeeffannoo addaa kennuusaa eeranii, haadholiin da’umsaan dura irraa eegalee amma da’umsaan boodaatti teeknooloojiin deeggaramuun hordoffii gochuun ga’umsaan akka tajaajilan dubbataniiru.
Fayyadamtoonni buufata fayyaa Tulluu Diimtuu ENA’n dubbise gamasaaniin, tajaajila waldhaansaarratti jijjiirama bu’uraa arguusaanii ibsaniiru.
Tajaajilamtoota yaada kennan keessaa obbo Habtaamuu Daattaa, kenniinsi tajaajilaa buufata fayyaa kanaa oolee bulee fooyya’aa dhufuusaa eeraniiru.
''Haati warraa koo buufata fayyaa kanatti hordoffii taasisaa turtee, yeroo dahumsaa tajaajila fooyya’aa argatteetti” jedhaniiru.
Tajaajilamtuun biraa adde Itiyoophiyaa Gogolaa gamasaaniin, hanqinoonni tajaajilaa Kanaan dura turan waan furamaniif yeroo ammaa waldhaansa guutuu dhiheenyatti argachaa jirra jechuun ragaa bahaniiru.