Tamsaasa Kallatti:

Waltajjiin biyyaalessaa qindoomina abbaa seerummaa fi dhaabblee demokiraasiirratti xiyyeeffatu Finfinneetti eegalameera

Guraandhala 24/2018 (ENA)- Waltajjiin biyyaalessaa qindoomina abbaa seerummaa fi dhaabblee demokiraasiirratti xiyyeeffatu Finfinneetti eegalameera

Waltajjiin kun mata duree “guddinni abbaa seerummaa fi dhaabbilee demokiraasii ijaarsa mootummaa biyyaalessaa milkaa’aaf” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasee Caafoo, pirezidaantiin mana murtee walii galaa Tewoodiroos Miratuu, hoggansii fi miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, ministiroonni, hoggantoonni dhaabbilee demokiraasii, qaamoleen haqaa, qaamoleen haqaa, hooggantoonni olaanoo fi keessummoonni waamaman baniinsa waltajjichaarratti argamaniiru.

Dubbiin ijoo waltajjii kanaa dhaabbileen sirna haqaa fi jaarsa sirna demokiraasii keessatti shoora ijoo qaban muuxannoo waggoota darbaniirraa ka’uun yeroo itti aanu dhimmoota ijaarsa mootummaa biyyaalessaa mirkaneessanirratti bal’inaan akka mari’atu ibsameera.

Manneen murtii federaalaa, komishiniin marii biyyaalessaa, boordiin filannoo biyyaalessaa, waajjirri odiitii olaanaa federaalaa, komishiniin mirgoota namoomaa, akkasumas dhaabbanni abbagaar bu’aaleen jijjiiramaan asitti galmeessisan waltajjii kanarratti dhihaatanii mariin ni gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015