Tamsaasa Kallatti:

Guyyoota kurnan itti aananitti hangi rooba Arfaasaa fi facaatiin isaa cimee itti fufa

Guraandhala 24/2018 (ENA): Guyyoota kurnan itti aananii dhufan keessatti naannoolee midhaan Arfaasaa itti misoomsan keessatti hangi roobaa fi facaatiin isaa haalaan akka dabalu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise.

Itti aanaan Daarektara Olaanaa Damee Raaga Meetirooloojii, Tajaajila Gorsaa fi Qorannoo Inistiitiyuutichaa Dr. Asaaminawu Tashoomaa ENA’tti akka himanitti, Raagaan tilmaama akka agarsiisutti haalli meetirooloojii roobaaf mijatu dabalaa jira jedhani.

Raabsiin roobaa kun Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa (naannoowwan waqtii rooba isaanii argatan), gammoojjii sululuwwan qinxamaa jiran, kutaalee giddu galeessaa fi Kibba Lixa biyyattii, naannoo Bahaa fi Kaaba Bahaa kan uwwisu ta’uu ibsaniiru.

Naannolee kanneenitti roobn salphaa hanga giddu galeessaa kan eegamu yoo ta’u, naannoolee irra caalaan rooba idilee hanga idilee ol kan roobu ta’a. Kana malees darbee darbee rooba cimaan ni rooba jedhame.

Fooyya’iinsi roobaa kun keessumaa qonnaan bultoota midhaan Arfaasaa misoomsaniif faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Roobni kunis midhaan yeroo Arfaasaa facaafamuuf barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo hanqina bishaanii jiran bishaan roobaa walitti qabuun kuusuun gara fuulduraatti akka itti fayyadamaniif yaada dhiyeessaniiru.

Akkasumas roobni yeroo Arfaasaa roobu guyyoota kurnan dhufan keessatti bishaan dirra lafaa fi bishaan kuufamaa adda addaa keessatti akka dabalu himaniiru.

Haaluma kanaan, Omoo Gibee, sulula gammoojjii, Awaash Gubbaa fi Giddugaleessaa, Abaay Giddugaleessaa fi Gadii, Gannaalee Dawaa fi Waabee Shabalee jiidhina fooyya’aa ni argatu jedhamee eegama jedhan.

Kunis kuufama bishaanii uumamaa fi namtolchee fayyadamuun bishaan isaanii akka dabalu himaniiru.

Kanumaan walqabatee ho'i guyyaa olka'aan kutaalee biyyattii tokko tokkotti akka itti fufu ibsaniiru.

Ragaan tilmaama akka agarsiisutti naannoolee Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Benishaangul Gumuuzii fi Amaaraa Lixaatti ho’i guyyaa ol’aanaan digrii seentigireedii 33 hanga 37.2 ni ga’a jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015