Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessan cimanii itti fufu

Guraandhala 24/2018(ENA): Hojiileen fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessan cimanii akka itti fufan Ministirri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfayee himani.

Ministeerri Nageenyaa Gurmaa’insa Dubartootaa waliin ta'uun sagantaa sochii biyyoolessaa mata duree "Hirmaannaa Dubartootaan Itiyoophiyaa Cimtuu fi Badhaate" jedhuun gaggeessaa jira.


 

Ministirri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee sagantaa kana sababeeffachuun akka ibsanitti, waggoota jijjiiramaa darban keessatti bu’aawwan hirmaannaa diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaa dubartootaa mirkaneessan galmaa’aniiru jedhani.

Imaammattoonni misoomaa biyyattii dubartoota wiirtuu jijjiiramaa kan taasisu ta’uu eeruun, akkasumas dubartoonni guddina biyyattii keessatti gahee olaanaa taphachaa akka jiran ibsaniiru.

Dubartoonni damee dinagdeetiin abbaa qabeenyaa taasifamuu isaanii ibsuun, hirmaannaan dubartootaa barnootaa keessatti qaban dhibbeentaa 16 irraa gara dhibbeentaa 50tti guddisuun bu’aa damee hawaasummaa keessatti argame keessaa tokko ta’uu kaasaniiru.

Akkasumas hirmaannaan dubartootaa Bakka Bu’oota Uummataa(Paarlaamaa) keessatti gadi aanaa kan ture, wayita ammaa dhibbeentaa 41 irra ga’uu fi hirmaannaan isaanii Mana Maree Ministirootaa keessattis himaachuun damee siyaasaa keessatti bu’aa gaarii galmaa’e keessaa walakkaa ga’uu ibsaniiru.

Kanaaf hojiiwwan fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessan cimee itti fufa jedhan.

Filannoo biyyaalessaa keessatti gaheen dubartootaa fi barbaachisaa ta’uu kan himan Ministirri kun, Filannoon waliigalaa torbaffaan nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee milkaa’inaan akka xumuramuuf dubartoonni gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.


 

Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii fi Pireezidaantiin gurmaa’insa Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa aadde Zahaaraa Umad akka ibsanitti, baroota jijjiiramaa darban keessatti badhaadhina waloo fi hunda hammatuu fi fayyadamummaa diinagdee itti fufiinsa qabu dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa tureera jedhani.

Paartii Badhaadhinaatti, gurmaa’insi Dubartootaa, dubartoonni dammaqinaan akka hojii misoomaa irratti hojjetameen bu’aan qabatamaa argameera jedhani.

Waltajjiin har'aa kun fiixee Waltajjii Sochii Biyyaalessaa Guraandhala Amajjii hanga Guraandhala 12, 2018, sadarkaa federaalaa hanga gandaatti gaggeeffamaa ture yoo ta'u, waltajjii ji'a tokkoof ture kana irratti dubartoonni miliyoona 10 ol mariisisuun akka danda'ame himaniiru.

Sagantaa arjooma dhiigaa fi raabsa nyaataa dabalatee hojiiwwan adda addaa hojjetamuu isaaniis ibsaniiru; filannoo waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuu fi hirmaannaa dubartootaa mirkaneessuu keessatti dubartoonni gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.


 

Sagantaa kana irratti Hogganaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Dimokiraasii sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti, itti aanaa pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, Ministira Nageenyaa, Mahaammad Idiriisii fi hoggantoonni olaanoo akkasumas miseensonni gurmaa’insa dubartootaa argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015