Fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaniiru
Guraandhala 24/2018(ENA)- Mootummaan fayyadamummaa dubartootaa hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf hojiilee bu’a qabeessa hojjechuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hogganaan jiddu galeessa qindeessaa sirna demokiraaii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan.
Ministeerri nageenyaa gurmaa’insa dubartootaa waliin ta’uun mata duree “hirmaannaa dubartootaatiin Itiyoophiyaa hin sochoonee fi badhaate” jedhuun sagantaa sosochii biyyaalessaa gaggeessaa jirti.
Mootummaan badhaadhina walii galaa Itiyoophiyaa qabatamaan kan mirkaneessu hojiilee siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa jiddu galeessa gochuun yoo danda’amedha jedheetu amana jedhan obbo Adam Faaraah wayita kana.
Hirmaannaan siyaasaa fi bakka bu’ummaan dubartootaa cabiinsa tokko ta’uu hubachuun hoggansa kennuun dubartootaa ijaarsa biyyaa fi ciminaan dhaabachuu biyyaa walii galtee biyyaalessaa fulla’aaf bu’ura cimaa kan kaa’u ta’uu hubachuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Haala Kanaan sadarkaa federaalaatti hirmaannaan dubartoonni kaabinee keessatti qaban harka 50 ‘n gahuun beekamtiin idil addunyaarraa argamuusaa kaasanii, hoggansa dubartootaa ijoo ta’e guddisuuf hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa jiran cimanii akka itti fufan ibsaniiru.
Cabiinsa dinagdee suphuuf dubartoota utumaa fi motora oomishtummaa akka ta’u gochuun barbaachisaa ta’uu amanuun hojii hojjetameen dubartoota miiliyoona 6 tuqaa 6 caalan mirkaneessa abbaa lafaa argachuusaanii ibsaniiru.
Cabiinsa haqa hawaasummaan ture suphuuf hojii hojjetameen hojiileen wal qixxummaa fi haqa hawaasummaa fiduu danda’an hojjetamuusaanii dubbataniiru.
Gama barnootaan, fayyaa fi eegumsa hawaasummaatiin dubartoota hedduu fayyadamoo jijjiiramaa akka ta’an godhameera jedhan obbo Adam Faaraah ergaa dabarsaniin.
Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti ceesisuu fi badhaadhinni bu’ura cimaa kan qabatu adda durummaa dubartootaan akka ta’e mootummaan ni amana jechuun ibsaniiru.
Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, nageenyi dhala namaaf bu’ura ta’uusaa fi hawaasni naga buleessi agarsiiftuu olaantummaa naamusaa ta’uu ibsaniiru.
Nageenyi hunda galeessi kan mirkanaa’u tumsa qaamolee hundaan ta’uu eeranii, hirmaannaan dubartootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.