Raayyaan aantummaa ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Raayyaan aantummaa ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira
Guraandhala 24/2018(TOI) - Raayyaan ittisa biyyaa aantummaa ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad ibsan.
Ministeerri ittisa biyyaa maneen ammayyaa harka qalleeyyiif, qonnaan bultootaa fi maatiiwwan qaamolee nageenyaaf godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti ijaarsise kenneera.
Tajaajilli tola ooltummaa biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa uumuusaa ministirri Injiinar Ayishaa Mahaammad wayita wal harkaa fuudhinsaa ibsaniiru.
Raayyaan ittisaa dirqama biyya eeguuf kennameef bahachaa, hojii misoomaarrattis adda duree ta’ee argamuunsaa ergama boonsaa raayyaa kan agarsiisu ta’uu dabalanii ibsaniiru.
Ministirri haqaa Haannaa Ar’ayasillaasee gamasaaniin, araddaan misooma kooriidaraan hammatame ijaaramee eebbaaf qaqqabuunsaa gammachuu guddaa uuma jedhaniiru.
Misoomni kooriidaraa baadiyyaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimadiin yemmuu karoorfamu, kaayyoonsaa kan bu’uraa misoomni magaalaatti eegalame jiraataa baadiyyaaf akka qaqqabu gochuuf ta’uu yaadachiisaniiru.
Bulchaan godina Shawaa bahaa Abbaabbuu Waaqoo akka ibsanitti, raayyaan ittisaa nageenya godinichaa eegsisuuf alatti hojii tola ooltummaarratti hirmaachuun maatii 65’f mana ijaaree kenneera.
Bulchiinsi godinichaa araddaa misooma kooriidaraa baadiyyaatiin ijaarame kana akka moodaliitti fudhachuun ganda jaha keessatti babal’isuu eegaluusaa dubbataniiru.
Manneen kunneen qonnaan bultoota humna hin qabne, gootota biyyaaf aarsaa kaffalanii fi maatii qaamolee naneenyaa godinichatti nageenya osoo eegsisanii lubbuunsaanii darbeef kennamuu ibsaniiru.
Kanneen mana fudhatan keessaa adde Abiyoot Faqqadee yaada kennaniin, ijoolleesaanii afur waliin mana kiraa keessatti rakkachaa akka turan yaadatanii, mootummaan rakkoosaanii hubatee mana ammayyaa waan hunda guuttate waan isaaniif kenneef gammaduusaanii ibsaaniiru.