Tamsaasa Kallatti:

Fooramiin Invastimantii Idil-addunyaa 4ffaa Itiyoophiyaatti Invastii taasisaa kan jedhu Bitootessa 17-18, 2018 magaalaa Finfinneetti  gaggeeffama

Guraandhala 24/2018 (ENA): Waltajjiin Invastimantii Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaan Bitootessa 17-18, 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

Waltajjicha ilaalchisee Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa, Ministeerri Maallaqaa fi Baankiin Addunyaa ibsa waloo kennaniiru.

Komishinara Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen akka ibsanitti, waltajjichi Komishinicha, Ministeera Maallaqaa fi dhaabbilee misoomaa michuu waliin ta’uun kan qophaa’u ta’uu dubbatani.

Kaayyoon ijoon waltajjichaa invastimantii haaraa biyya alaa fi biyya keessaa hawwachuu, xiyyeeffannoo olaanaa mootummaan damichaaf kenne agarsiisuu, fooyya’iinsa imaammata invastimantii haaraa dhiheenya kana abbootii qabeenyaaf beeksisuu dha.

Waltajjicharratti dhaabbileen bebbeekamoo idil-addunyaa fi biyya keessaa, hoggantoonni daldalaa, imaammata baastonni, gorsitoonni fi miseensonni hawaasa dippilomaatikii akka hirmaatan hubachiisaniiru.

Miidiyaaleen carraa invastimantii biyyattii beeksisuun milkaa’ina waltajjichaa labsuun itti gaafatamummaa ogummaa isaanii akka ba’anis waamicha dhiyeessaniiru.

Deetaan Ministeera Maallaqaa Samaritaa Sawaasawu gama isaaniitiin akka jedhanitti,mootummaan invastimantii guddisuuf haaromsa imaammataa fi bu’uuraa seeraa bal’aa taasisuu isaa ibsaniiru.

Yeroo ammaa kana Itiyoophiyaa keessatti invasti gochuuf kaka’umsi guddaan akka jirus, dandeettii biyyattiin qabduu fi tattaaffii haaromsaa mootummaan taasisaa jiru irraa kan ka’e ta’uu ibsaniiru.

Waltajjiin kun carraawwan kanneen irratti hubannoo uumuuf waltajjii guddaa akka ta’us ibsaniiru.

Baankii Addunyaatti Daarektarri Itiyoophiyaa, Eertiraa, Sudaan Kibbaa fi Sudaanii Meeriyam Saaliim akka ibsanitti, Itiyoophiyaan dandeettii guddaa akka qabdu eeruun,  waltajjii kanarratti hirmaachuuf yeroon sirrii ta’e amma jedhani.

Daarektarichi Itiyoophiyaan humna hojjetaa fi dargaggoon guddachaa jiru, teessuma lafaa tarsiimoo, bu’uura qonnaa cima fi damee industirii babal’achaa dhufuun akka sababoota filannoo isheef ta’uutti kaasaniiru.

Itiyoophiyaan abdii qofaan osoo hin murtaa’iin, tarkaanfii haaromsaa qabatamaa fudhachaa jiraachuu isheefis kutannoo qabdus dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015