Tamsaasa Kallatti:

Sagantichi jireenya lammiilee galii gadi aanaa qaban fooyyessuu bira darbee, guddina naannoo fi miidhagina isaaf gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Guraandhala 24/2018 (ENA): Naannoo Amaaraa fi Oromiyaatti hojiirra oolaa kan jiru sagantaan misooma Seeftineetii ijaarsa naannoo fi bareedina isaaf gumaacha olaanaa akka qabu ibsameera.

Itti aanaan hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneen Jireenyaa Naannoo Oromiyaa obbo Biraanuu Bakkalaa ENAtti aka himanitti, Sagantaan misoomaa Seeftineetii magaalota naannichaa 30 keessatti hojiirra oolaa jira jedhani.

Sagantaan kun lammiilee sadarkaa jireenyaa gadi aanaa keessa jiraatan fayyadamoo taasisuu irra darbee eegumsaa fi misooma naannoof gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan.

Hirmaattonni kun misooma magariisaa, bulchiinsa balfa jajjaboo, fi eegumsaa fi kunuunsa naannoo irratti bobba’uudhaan misooma naannoo keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiran ibsaniiru.

Sagantaan kun wabii nyaataa mirkaneessuu fi sadarkaa maatiitti galii argamsiisaa akka jirus ibsaniiru.

Hirmaattonni kunneen mala fooyya’iinsa jireenya maatii irratti leenjiin kan kennameef yoo ta’u, galii isaanii akka qusatan, kan qusatan immoo bakki itti hojjetan kan mijaa’eefii ta’uu himaniiru.

Naannichatti marsaa lamatti lammiileen 150,000 leenjii fi deeggarsa maallaqaa argachuun damee qonna magaalaa, daldalaa fi manufaakchariingii magaalaa irratti bobba’uun jireenya isaanii fooyyessuu danda’uu ibsaniiru.

Pirojektichi aadaa hojii fi qusannoo hawaasa keessatti dabaluu, maanguddootaa fi namoota saaxilamoo ta’an kallattiin fayyadamoo taasisuu, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, mootummaan hojii eegale hirkattummaa irraa gara oomishaatti akka ce’an kan jajjabeessu ta’uu ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun, piroojaktiin kun magaalota naannichaa 18 keessatti hojiirra oolaa jiru kun jireenya lammiilee hedduu jijjiiruu fi aadaa hojii gabbisuuf hojjetamaa akka jiru Qindeessaan Sagantaa misooma Seeftineetii Magaalotaa Naannoo Amaaraa Hasan Nuruuyyee beeksisaniiru.

Lammiileen sadarkaa jireenyaa gadi aanaa keessa jiran qonna magaalaa, maaddii guutuu fi dameewwan hojii bu’aa qabeessa isaan taasisuu danda’an biroo irratti haala haqa qabeessa ta’een akka bobba’an deeggarsi taasifamaa jira jedhan.

Yeroo ammaa naannichatti fayyadamtoonni sagantichaa kuma 239 ta’uu ibsuun, lammiileen kunneen akka hojjetanii fi hiyyummaa keessaa ba’aniif haalli mijataan uumamuusaa ibsaniiru.

Lammiileen kuma 24 ol ta’an saganticharraa marsaa lamatti eebbifamuun dameewwan itti bobba’an irratti jijjiirama bu’uuraa jireenya isaanii keessatti mul’isuu isaanii ibsaniiru.

Sagantaan misooma Seeftineetii misoomaa hiyyummaa fi hoji dhabdummaa hir’isuun, qulqullinaa fi bareedina magaalotaa eeguun, naannoleen miidhaman akka dandamatan gargaaruun jijjiirama qabatamaa fidaa akka jiru ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015