Tamsaasa Kallatti:

Mariidhaan Sirna Siyaasaa Haaraa Uumuu

Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa fi dhiibbaa kamirraayyuu bilisa ta’e dha.  Dhaabbanni kuni garaagarummaa yaadaa fi waldhabdee jaarraa hedduuf hoggantoota siyaasaa fi hawaasa gidduu ture mariin furuuf hundeeffame.

Kaayyoon Komishinichaa Labsii Hundeeffama Komishinichaa 1265/2014 keessatti ifatti kan ibsame yoo ta’u, keessumattuu keewwata 6 (3) irratti Mariin Biyyoolessaa gaggeeffamuu qabu haala hariiroo kutaalee hawaasaa adda addaa, mootummaa fi ummata gidduu jiru fooyyessuudhaan, sirna siyaasaa haaraa wal amantaa irratti hundaa’e uumuun akka ta’u tumameera; kanaafis Komishinichi hojmaata hojiirra oolmaa isaa akka qopheessu tumameera.

Kana irratti hundaa’uun adeemsa Marii Biyyaalessaa keessatti ‘sirna siyaasaa haaraa uumuu’ jechuun maal jechuu akka ta’e qorachuun gahee qooda fudhattoonni adeemsa kana keessatti qaban ibsuuf baay’ee barbaachisaa dha. Adeemsa kana keessatti qooda fudhattoonni marii irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan sirni siyaasaa haaraan ni uumama jedhamee kan eegamu yoo ta’u, marii biyyoolessaa sirna siyaasaa haaraa uumuun kan danda’amu keessaa karaaleen armaan gadii eeramaniiru.

1. Aadaa siyaasaa fooyyessuu

Adeemsi marii biyyoolessaa kun hayyoonni siyaasaa biyya keenya egeree biyya keenya Itiyoophiyaa irratti akka mari’atan haala mijeessa; malawwan garaagarummaa yaadaa haasaa fi marii giddu galeessa godhate itti fayyadama. Kunis dorgommii siyaasaa kabajaa fi wal hubannoo giddu galeessa godhate uumuu keessatti gahee olaanaa qaba.

2. Hariiroo dhugaa irratti hundaa’e

Fooyyessii sirna siyaasaa hariiroo gaarii hayyoota siyaasaa fi qooda fudhattoota gidduu jiruun jalqaba. Adeemsi marii biyyoolessaa kunis haala hariiroon gaariin dursa itti kennamu uumuun, haala hariiroon dhala namaa sadarkaa olaanaa itti fufuu,  wal amantaan itti ijaaramuu fi wal hubannoof bu’uura kan ta’u hundeeffama

3. Sirna siyaasaa keessatti qooda fudhattoota hunda hirmaachisuu

Akkuma beekamu hayyoonni siyaasaa fi qooda fudhattoonni adda addaa sababa taateewwan adda addaatiin dirree siyaasaa irraa of fageessuun ilaalamaa tureera. Tarkaanfiin kun biyya keenya Itiyoophiyaa keessatti sirna siyaasaa haaraa ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru irratti miidhaa akka qabutti fudhatama. Kanaaf, Komishinichi, barbaachisummaan isaa olaanaa ta’uu fi dhaloota irratti ashaaraa gaarii kan kaa’u ta’uu hubachuun, hayyoonni siyaasaa adeemsa marii biyyaalessaa keessatti dammaqinaan akka hirmaatan, akkasumas biyya isaanii akka gargaaran wamicha dhiyeesseera.

4. Barbaachisummaa siyaasaa bu’aa inni biyyaaf qabu hubachuu

Adeemsi marii biyyoolessaa haala waliigaltee biyyaalessaa uumuu bira darbee dhimmoota biyyoolessaa falmisiisaa ta’anii fi falmiiwwan irrattis hubannoo waloo ni uuma. Wal hubannoon waloo, gara walii galtee walootti geessuun dirqama ta’uu baatus, imala waan waliinii argachuuf taasifamu keessatti akka agarsiiftuu kallattiitti gargaara. Kunis hayyoonni siyaasaa hariiroo fi hubannoo isaanii ifa ta’e kennuudhaan sirna siyaasaa haaraa uumuuf gargaara.

Kanaafuu, hayyoonni siyaasaa barbaachisummaa guddaa gatiiwwan siyaasaa waliigaltee biyyaalessaaf qaban hubachuuf cimanii hojjechuu qabu. Xumura irratti, garaagarummaan yaadaa guddina waliigalaatiif barbaachisaa waan ta’eef furmaata argachuu qaba; garuu karaa kamiinuu yaada ilaalcha diinummaaf sababa ta’uu hin qabu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015