Tamsaasa Kallatti:

Waggoota jijjiiramaa keessatti zoonii Shabalee, Godee fi Magaalota Dagaahaburitti misoomni uummata fayyadama taasise hojjetameera.

Guraandhala 24/2018 (ENA): Naannoo Somalee waggoota jijjiiramaa keessatti zoonii Shabalee, Godee fi Magaalota Dagaahaburitti misoomni uummata fayyadama taasise kan hojjetame ta’uu ibsame.

Mootummaan Naannoo Somaalee qabeenya uumamaa bal’aa fi dandeettii misoomaa kan qabu ta’us, xiyyeeffannoon isaaf malu kan hin kennamnee fi misoomni waggoota kurnan hedduudhaaf quucaree akka ture ibsame.

Haa ta’u malee, waggoota jijjiiramaa darban keessatti naannicha gara sochii misoomaa guutuutti galchuun fayyadamummaa hunda galeessa uummataa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa akka ture ni beekama.

Hojiiwwan misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti jalqabaman cimsuu fi itti fufuun ummata naannichaa qofa osoo hin taane, guddinaa fi misooma biyyaalessaatiifis gumaacha olaanaa akka qabu ni amanama.

Kanumaan walqabatee ENA’n hojiiwwan misoomaa naannichaa Zoonii Shabalee, Godee fi Dagahabur keessatti hojjetamanii fi adeemsifamaa jiran ilaalchisee hoggantootaa fi jiraattota dhimmi ilaallatu dubbiseera.

Waggoota jijjiiramaa kana keessatti hojiiwwan misoomaa bal’aan magaalota Godee fi Degehabur keessatti hojjetamanii fi hojjetamaa akka jiran yaada kennitoonnis ibsaniiru.

Bulchaan Olaanaan Zoonii Shabalee obbo Abdii Faaraah akka ibsanitti baadiyyaa fi magaalota zoonichaa keessattuu bu’uuraalee daandii irratti misoomni bal’aan hojjetameera jedhani.

Ijaarsi boolla bishaan gadi fagoo fi hojiiwwan biroo qarqara laga Waabii Shabaleetti dhiyeessii bishaanii fooyyessuu hojjetamaa jiran gahumsa qonnaa qonnaan bultootaaf gumaachaa akka jiran eeraniiru.


 

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Godee obbo Abdullaahi Aliis akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa booda hojiiwwan nagaa fi misoomaa Magaalaa Godee keessatti hojjetamaa jiran irraa uummanni fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsaniiru.

Piroojektiin bishaanii guddaan magaalattii keessatti ijaaramuu eeruun, jireenyi uummata magaalichaa jijjiiramuu ibsani.

Magaalattii keessatti daandii asfaaltii kiiloo meetira 16 hojjetamuu isaa ibsuun, daandiiwwan biroo raawwiin isaanii dhibbeentaa 80 gahee ji’oota sadan dhufan keessatti akka xumuramu ibsaniiru.


 

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dagahabur obbo Abdihakeem Ma’aalin akka ibsanitti, jijjiirama biyyaalessaa hordofuun uummta fayyadamummaa carraa nageenyaa fi misoomaa argatan keessaa tokko hawaasa naannoo keenyaati jedhani.


 

Jiraattota magaalota Godee fi Qabri Dahar kan ta’an Hasan Umarii fi Abdullaahi Umar akka himanitti, nageenya naannichatti mul’ate hordofuun piroojektoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan hojjetamuu isaanii ibsaniiru.

Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee qaamonni mootummaa adda addaa gara naannichaa dhufuun isaanii misooma ariifachiisuuf kan gargaaru ta’uu eeruun, pirojektoonni gurguddoon dhiheenya kana eegalaman naannichaafis ta’e biyyattiif bu’aa guddaa kan qaban ta’uu ibsani.

Fuula Miidiyaalee Dijitaalaa ENA https://linktr.ee/ENADigital

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015