Tamsaasa Kallatti:

Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate, Bu’uuraalee misoomaa Baaburaa bu’aa qabeessummaa  keenyaan ijaaruun daballa

 
Guraandhala 23/2018(ENA):  Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate , hojii Bu’uuraalee  misoomaa Baaburaa dandeettii keenyaan  saffisaa fi bu’aa qabeessummaan  xumuruun  irra deebi’uun ni argisiisna  jechuun  hojii raawwachiisaa olaanaan   waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii    Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsan.  



waldaan Aksiyoona Geejibaa  Baaburaa Itiyoo- Jibuutii    Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa kabajeera. 
Ayyaanicha ilaalchisuun daandiin  baaburaa  dandeettii  ofiin ijaaramaa  jiruu fi   xumuramaa kan jiru,   hojiin bu'uuralee  misooma baaburaa kiilomeetira sadii (3 km)  Paarkii Industrii AMG  daandii   baaburaa Itiyoophiyaa-Jibuutii waliin walqunnamsiisu daawatameera. 



Daawwanicharratti Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojistiksii Dhengee Boruu, hojii gaggeessaa olaanaa  waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon  argamaniiru. 
Injiinar Taakkalaa Uumaa  wayita sana akka ibsanitti, wareegama abbootiin keenya kaffalaniin seenaa  Injifannoo Adwaa guddicha  dabarsanii nutti kennaniiru; nutimmoo dhaloota dhufuuf galaa kan ta’u bu’uuraalee misoomaa  daandii baaburaa boonsaa   humna ofiin ijaaraa jirra  jedhaniiru. 



Bu’uuraaleen misoomaa baaburaa ijaaramaa jiran  boru kana caalaa hojii hojjechuu akka dandeenyu   agarsiistuu ta’uu dubbataniiru. 
Gara fuulduraatti bu’uuraalee  misoomaa baabura gurguddaa  fi kanneen biroo  ijaaruuf  karoorri guddaan qabamuu  itti dabaluun ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015