Dhaloonni Ammaa Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan kabajamtee jiraatte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna -Lij Daani’eel Jootee - ENA Afaan Oromoo
Dhaloonni Ammaa Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan kabajamtee jiraatte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna -Lij Daani’eel Jootee
Guraandhala 23/2018(ENA): Dhaloonni Haaraan Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan Kabajamtee jiratte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna jechuun Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee ibsani.
Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajameera.
Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee, gootonni Itiyoophiyaa waggaa 130’n har’aa haleellaa loltoota Xaaliyaaniin isaan mudate injifachuu isaanii yaadachiisaniiru.
Wareegama lubbuu abbootii fi haadholiin daangaan biyyaa kabajamuu dubbataniiru.
Injifannoon Adwaa maqaan isaa Addunyaa irratti guddate cichooma uummataa fi miira jaalala biyyaan kan argame ta’uu ibsuun, kanaanis Itiyoophiyaan bilisummaa ishee tiksitee kan turte lafa goototaa ta’uushee mirkaneessiteetti jedhani.
Ammas biyya keenya weeraruuf diinonni aggaaman seenaa Adwaa akka ilaalan kan ibsan Lij Daani’eel, Itiyoophiyaanonni birmadummaa biyya isaanii irratti akka obsa hin qabaanne hubachiisuun, diinonni waa’ee Itiyoophiyaanotaa hin beekne gochasanii irraa akka of qusatan hubachiisaniiru.
Dhaloonni ammaa nagaa fi guddina biyyaarratti hirmaannaa ho’aa taasisuun Badhadhina Itiyoophiyaa itti fufsiisuun mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru.
Carraan Itiyoophiyaa harka dargaggootaa keessa jira kan jedhan Pirezidaantiin kun , dhaloonni haaraan imaanaa abbootii fi haadholii isaa fudhachuun, Itiyoophiyaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceessisuuf itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dhaamaniiru.