Tamsaasa Kallatti:

Har’a guutummaa   Afriikaa fi uummata gurraacha mararratti   samiin dukkanaa’ee ture  guyyaa  cunqursaan  kufee, ifni bilisummaa itti ba’edha!

Diinonni Itoophiyaan  daangaa ishee cabsee,  birmadummaashee fi  bilisummaa uummata ishee loltoonni  weerartootaa  sarban  , tulluwwan Adwaa irratti injifachuun,   qaroomina  (civilization) ishee  waggoota  kuma sadii oliif hin sarbamne  guyyaa  itti mirkanueeffattedha.

Itoophiyaa kabajaan keessa jiraannu, Qaroominashee fi seenaa dinqisiisaa, akkasumas ulfinashee  guddaa waliin wareegama  dhiigaa isaaniitiin nuuf dabarsan abbootii keenyaaf kabajni ni mala.

Biyya Itiyoophiyaa  har’aa,  keessa jiraannu abbootii fi haadhotiin keenya wareegama lubbuutiin nuuf dhaaban kana tokkummaa fi jaalalaan jiraachuun itti fufsiisuu qabna.

Isaanirraa barannee hiyyummaa, qoqqoodinsaa  fi ilaalcha boodatti hafaa diduun  Itiyoophiyaa gara badhaadhinaatti  ceesisuu qabna.

Itoophiyaan waan amma jirtu  caalaa guddoo kan itti taatu yeroon  isaa fagoo miti.

Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015