Manni Maree Ministirootaa murtoo adda addaa dabarse - ENA Afaan Oromoo
Manni Maree Ministirootaa murtoo adda addaa dabarse
Guraandhala 23/2018 (ENA): Manni Maree Ministirootaa Walga'ii Idilee 53ffaa har'a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari'achuun murtoo garaagaraa dabarseera.
1. Manni Marichaa wixinee labsii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee (AI) hundeessuuf dhiyaaterratti marii'ateera.
Yuunivarsiitichi akkaataa labsii lakkoofsa 1294/2015 Yuunivarsiitii ofiin of-bulchu ta'ee kan hunda'uu yoo ta'u, damichaan dargaggoota leenjisuun hayyoota ijaarsa biyyaaf murteessoo ta'an horachuuf hojjeta.
Manni Marichaas wixinicharratti bal'inaan erga marii'atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
2. Akkasuma dambii haala abbootii qabeenyaaf beenyaan itti kaffalamu murteessuuf baherratti mari'ateera.
Abbootiin qabeenyaa piroojektoota gurguddaa fi dameewwan diinagdee dursa kennaniif guddina diinagdee biyyaa saffisiisuu danda’an irratti akka bobba’an haala mijataa uumuuf wixinee dhiyaate ta'uu ibsameera.
Manni Marichaas wixinicharratti bal'inaan erga mari'atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
3. Waliigaltee deeggarsa Faayinaansii dhiyaate sadi irrattis mari'ateera.
Sanada waliigaltee dhiyaate irratti erga mari'atee booda waliigalteen kunneen imaammata bulchiinsa liqaa Itiyoophiyaan kan walsimu ta'uu isaa mirkaneessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera.
4. Manni Marichaa wixinee dambii sirna nagahee kuufama meeshaalee dhiyaate irratti mari'ateera.
Labsiin sirna nagahee kuufama meeshaalee lakkoofsi 372/1996 bahee hojiirra jiraatus, raawwii dambichaaf wixineen bahuu dhabuun adeemsa isaa irratti hanqinni jiraachuutu ibsame.
Hanqina kana sirreessuuf, raawwii labsichaaf haala mijeessuuf wixineen qophaa'ee Mana Marichaaf dhiyaateera.
Manni Marichaas wixinee dhiyaate irratti erga mari'atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarit irratti bahee jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
5. Manni Marichaa wixinee labsii waliigaltee eeyyama oomisha Warqee fi Sibiilaa dhiyaate irratti mari'ateera.
Wixineen waliigalteewwan lamaan Mana Marichaaf dhiyaatan galii sharafa alaa dabaluu, carraa hojii lammiileef uumuu, diinagdeef gahee qabaachuu, akkasumas kallattii imaammata mootummaan gama eegumsa naannoo fi fayyadamummaa hawaasaa baase kan hordofu ta'uu isaa erga mirkaneessee gara hojiitti akka galu yaada murtee kenneera.
6. Dhuma irratti Manni marichaa wixinee labsii imaammata turizimii dhiyaate irratti marichuun galtee dabalataa dhiyeessuun guyyaa mana marichaan ragga'ee jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.