Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa Injifannooti

Guraandhala 23/2018(ENA):Injifannoon Adwaa Raayyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa Injifannooti jechuun Ministirri Raayyaa Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad ibsan.


 

Injifannoon Adwaa bilisummaa uummata gurraachaa fi mallattoo kabajaa ilmaan namaa ta’uusaa Ministirri kun dubbataniiru.

Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaatti sirna ho’aan kabajamaa jira.


 

Ministirri Raayyaa Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, Adwaan Injifannoo Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin fakkeenya birmadummaa uummata gurraachaa hundaa fi dhalli namaa kabajasaaf wareegama kaffale seenaa injifannoon ragaan ba’ame ta’uu dubbataniiru.

Injifannoon Adwaa Uummanni tokkoomee humna weerartuu fi meeshaa waraanaa hidhate injifachuun, weerartuun hin mo’amne akka hin jirre olaantummaa haamilee Addunyaa guutuutti kan agarsiise milkaa’ina guddaadha jedhan.


 

Abbootiin keenya gaara Adwaatti aarsaa kaffalan kabaja Afrikaa deebisuu fi tokkummaa ardii cimsuun humna Ittisaa Ardii har’a irra geenyee fi tumsa waloof madda ta’ee tajaajila jedhaniiru.

Ministiroonni Ittisaa biyyoota Afrikaa Ayyaana kana irratti argamuun isaanii, injifannichi kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, ayyaana birmadummaa waliinii kan Afrikaanotaa fi Addunyaa guutuu ta'uu isaa qabatamaan kan mirkaneessudha jedhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa hara’aa imaanaa gootota abbootiisaanii baatanii kan jiran bu’aa seenaa fi gootummaa ta’uu ibsaniiru.

Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa injifannooti jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015