Tamsaasa Kallatti:

Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaaf Madda Ciminaa fi Hamileeti - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa

Guraandhala 23/2018 (ENA): Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif madda ciminaa fi hamilee akka ta’e itaamaajor shuumiin walii galaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsaniiru.

Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan kabajameera.


 

Ayyaana kana ilaalchisee ergaa itaamaajor shuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan ergaa dabarsaniin Injifannoon Adwaa uummanni Itiyoophiyaa yeroo tokko ta’an hangam milkaa’ina argamsiisuu akka danda’an kan mul’isu dha jedhani.

Adwaan injifannoo seena qabeessa waanjoo koloneeffannaa cabse ta’uus eeruun, yaada gurraachonni hin danda’an jedhu cabse jedhani.


 

Raayyaan ittisaa gootummaa loltoota duraanii irraa dhaaleen biyyaa abbootiin keenya dabarsanii nutti kennan nutis dhaloota dhufuuf dabrasinee kennuuf imaanaa qabna jedhani.

Injifannoon Adwaa humna ittisaa Itiyoophiyaa, kan dantaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa tiksuuf gootummaan qabsaa’aa jiruuf madda ciminaa fi hamilee akka ta’es ibsaniiru.

Itiyoophiyaan Hidha Haaromsaa Guddaa ijaartee dhugoomsite jechuun kan ibsan Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaan, gaaffii dantaa biyyaalessaa kan ta’e uummanni biyya keenya ulaa galaanaa argachuuf dhiyeesse galmaan ga’uuf tokkummaa fi gamtaan murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015