Tamsaasa Kallatti:

Dhaloonni miira injifannoo Adwaa gonfachuun nageenyaa fi misooma biyyaa mirkaneessuu qaba

Guraandhala 23/2018 (ENA): Dhaloonni ammaa miira injifannoo Adwaa gonfachuun nageenyaa fi misooma biyyattii mirkaneessuu akka qabu dhaaman, loltoonni duraanii fi miseensonni iskaawutii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa daawwatan.


 

Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa waggaa 130ffaa injifannoo Adwaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera.

Miseensonni Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii fi Waldaan Iskaawutii Finfinnee agarsiisa dijitaalaawaa dhaabbata Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa daawwachuu isaanii odeeffannoo dhaabbatichi ENA’f erge ni mul’isa.

Miseensonni Waldaa Gootota Duraanii Itiyoophiyaa fi Waldaan Iskaawutii Finfinnee, nageenyi, tasgabbii fi misoomni biyyattii dhaloonni walharkaa fuudhuun akka milkaa’u eeruun, Dhaloonni ammaa miira injifannoo Adwaa gonfachuun misooma biyyoolessaa haaraa galmeessuu akka qabu ibsaniiru.


 

Injifannoo Adwaa keessatti ogummaan basaasummaa gahee olaanaa akka taphate yaadachiisuun, akkasumas hojiin jijjiiramaa Dhaabbata Odeeffannoo fi Nageenyaa hojjatamaa ture Itiyoophiyaan diina kamirraayyuu ofirraa ittisuuf dandeettii akka qabdu ofitti amanamummaan akka itti dhagahamu taasiseera jedhani.

Barattoonni miseensa Waldaa Iskaawutii Finfinnee ta’anis Gootota kabaja Itiyoophiyaaf wareegama kaffalanii fi biyya walabaa dabarsanii nuuf kennaniif galata guddaa qaban ibsuun, akkasumas imaanaa isaanitti kenname galmaan ga’uuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru.

Miseensonni iskaawutii fi Gootonni, Adwaan Itiyoophiyaan akka biyyaatti akka hundeeffamtu gumaacha taasisuun yeroo hunda kan yaadatamu ta’uu hubachiisaniiru.

Lammiileen kutaalee Itiyoophiyaa hundarraa, garaagarummaa sanyii fi amantaa tokko malee, waliin dhaabbachuun injifannoo kanaaf gumaacha gochuun isaaniif barnoota olaanoo irraa baratamuu akka danda’u ta’uus miseensonnii iskaawutii fi Gootonni kunniin dubbataniiru jechuun tajaajilichi eereera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015